Dhimma ijoo ta'etti seeni

WAXABAJJII 10, 2022
MEEKSIKOO

Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Maatewos-Mulʼataa Afaan Naatwaaliin (Kaaba Puuweblaa) ni Baʼe

Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Maatewos-Mulʼataa Afaan Naatwaaliin (Kaaba Puuweblaa) ni Baʼe

Waxabajjii 5, 2022, obboleessi keenya Edwaardi Ban inni Miseensa Koree Waajjira Damee Giddu Gala Ameerikaa taʼe, Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Maatewos-Mulʼataa Afaan Naatwaaliin (Kaaba Puuweblaa) maxxanfamaanis taʼe bifa dijitaalaatiin baʼuu isaa beeksise. Namoonni 1,500 ol taʼan sagantaa dursee waraabame kana hordofaniiru.

Namoonni Afaan Naatwaal (Kaaba Puuweblaa) dubbatan irra caalaa bulchiinsota Meeksikoo Puuweblaa fi Veeraakiruuz jedhaman keessa jiraatu. Gumiiwwan warri jalqabaa Afaan Naatwaal (Kaaba Puuweblaa) bara 2002​tti hundeeffamaman. Kanaan dura babalʼistoonni tajaajila irratti Kitaaba Qulqulluu afaanichaan turee fi maqaa Yihowaa maqaa ulfinaa Gooftaa fi Waaqayyo jedhaniin jijjiiretti fayyadamu turan.

Obboleessi Edwaardi Ban haasaa isaa keessatti akkas jedheera: “Hiika Addunyaa Haaraa Maatewos-Mulʼataa kana akkuma fudhattaniin dubbisuu akka jalqabdan isin jajjabeessina. Hiikni kun dhaamsa Waaqayyoo afaan keessaniin sirriitti akka dabarse amanannaa guutuu qabaachuudhaan dubbisaa.”

Hiikkaan kun obbolootaa fi obboleettota Afaan Naatwaal (Kaaba Puuweblaa) dubbatan misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo lallabuuf akka isaan gargaaru amanannaa guutuu qabna.—Maarqos 13:10.