Dhimma ijoo ta'etti seeni

HAGAYYA 17, 2020
MEEKSIKOO

Obomboleettiin Haannaa Jedhamu Meeksikoo Rukute

Obomboleettiin Haannaa Jedhamu Meeksikoo Rukute

Iddoo

Meeksikootti, bulchiinsawwan Taamulippaasii fi Nuuvo Leyoon

Balaa

  • Obomboleettiin Haannaa inni obomboleettii tirooppikaaliitti jijjiirame Waxabajjii 26, 2020 kaaba baha Meeksikootti lolaa cimaa geessise

Miidhaa Obbolootaa fi obboleettota irra gaʼe

  • Bulchiinsa Nuuvo Leyoonitti maatiiwwan 14 dursanii of eeggannoo gochuudhaaf mana isaanii dhiisanii deemaniiru

  • Bulchiinsa Taamulippaas magaalaa Reeyinoosaatti, babalʼistoonni 100 mana isaanii dhiisanii deemuuf dirqamaniiru

Miidhaa qabeenya irra gaʼe

  • Bulchiinsa Nuuvo Leyoonitti manneen 21 irra miidhaan gaʼeera

  • Bulchiinsa Taamulippaasitti manneen 117 irra miidhaan gaʼeera

Hojii gargaarsa

  • Waajjirri Damee Giddu Gala Ameerikaa Koree Gargaarsaa Yeroo Balaa hundeesseera

  • Ilaaltonni ol aanaa aanaa manneen naannoo balaan gaʼetti argaman qulqulleessuu fi dhukkuba irraa bilisa gochuuf jaarsolii gumii wajjin hojjechaa jiru

  • Bulchiinsa Nuuvo Leyoonitti, obboloonnii fi obboleettonni mana isaanii gadhiisanii turan harki caalaan mana isaaniitti deebiʼuu dandaʼaniiru

  • Bulchiinsa Taamulippaasitti, gumiiwwan naannoo sana jiran warra miidhaan irra gaʼeef nyaataa fi uffata dhiheessaa jiru

Obbolootaa fi obboleettota keenya keessaa tokko illee waan hin miidhamneef Yihowaa ni galateeffanna. Gargaarsi kennamaa jiru Abbaan keenya inni samii fi sabni isaa ‘yeroo dhiphinaatti gargaarsa akka kennan’ argisiisa.—Faarfannaa 46:1.