Ebla 7, 2022
MIYAANMAAR
Hiikni Addunyaa Haaraa Afaan Kaaraniin (Sigaaw) ni Baʼe
Bitootessa 27, 2022, obboleessi keenya Maats Kassholm, inni Miseensa Koree Waajjira Damee Miyaanmaar taʼe Hiikni Addunyaa Haaraa Afaan Kaaraniin (Sigaaw) bifa elektiroonikiitiin baʼuu isaa ibse. Sagantaan dursee waraabame gara namoota 620 taʼaniif tamsaafameera. Inni waraqaadhaan maxxanfamu Ebla 2022tti baʼa.
Seenaan Dhugaa Baatota Yihowaa Miyaanmaar kan eegale bara 1914 yeroo barattoonni Kitaaba Qulqulluu yeroo jalqabaatif biyyattii dhaqanitti ture. Bara 1940 booda, babalʼisaan jalqabaa Afaan Kaaran (Sigaaw) dubbatu Miyaanmaaritti cuuphame.
Hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu Afaan Kaaran (Sigaaw) kan biroon jechoota yeroon itti darbe fi hubachuun ulfaataa taʼan ykn hiika sirrii hin dabarsine waan qabaniif, Hiikni Addunyaa Haaraa baayʼee faayidaa qabeessa dha. Fakkeenyaaf, hiikkaan Kitaaba Qulqulluu Afaan Kaaran (Sigaaw) qophaaʼe tokko Faarfannaa 72:16 “hammaarraan guutuu tokko lafa irra ni jiraata” jechuudhaan hiikameera haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa caqasa kana “Midhaan hedduun lafa irra ni jiraata” jechuudhaan sirriitti hiikeera.
Kitaabni Quluqlluun haaraan kun baʼuun isaa babalʼistoota Afaan Kaaran (Sigaaw) dubbataniif eebba Yihowaa irraa argame dha. Yihowaa irratti amantii cimaa akka qabaatan kan isaan gargaaru akka taʼu kadhannaa keenya dha.—1 Pheexiros 5:10.