Dhimma ijoo ta'etti seeni

Gamoo Mana Murtii ol Aanaa Moonaakoo

SADAASA 23, 2022
MONAAKOO

Dhugaa Baatonni Yihowaa Moonaakootti Seeraan Beekamanii Galmeeffaman

Dhugaa Baatonni Yihowaa Moonaakootti Seeraan Beekamanii Galmeeffaman

Sadaasa 19, 2022, Dhugaa Baatonni Yihowaa Moonaakootti seeraan beekamtii argatanii galmeeffaman. Mirga kana argachuu kan dandeenye Manni Murtii ol Aanaa Moonaakoo fi Manni Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa murtoo nu deggeruu waan dabarsaniifi.

Obboloonni keenya Mana Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaatti iyyannoo dhiheessanii waggaa lama utuu hin guutin manni murtichaa murtoo erga godhee booda mootummaan Moonaakoo furmaata akka kennu dabarse.

Dhimmichi mootummaatti erga dabarfamee booda jalqaba gareen lamaanuu waliin mariʼachuu fi waliigaltee gochuuf yaalaniiru. Mootummaan Moonaakoo Dhugaa Baatota Yihowaa seeraan galmeessuuf walii gale. Muddee 9, 2021 Manni Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa waliigaltee mootummaan Moonaakoo waaqeffannaa keenya irratti dhorkaa tokko utuu hin godhin jaarmiyaan keenya seeraan beekamtii akka argatu dabarse ibse. Mootummaan miidhaa nurra gaʼeef doolaara Ameerikaa 40,000 kaffaluufis walii galeera.

Sadaasa 16, 2022, mootummaan Moonaakoo sanadii (Monaco Association for the Worship of Jehovah’s Witnesses) jedhamee waamamuun akka galmeessan ibsu baase. Sanadiin kun Sadaasa 18, 2022 barruu ijoo Moonaakoo irratti maxxanfamee baʼe.

Obboloonnii fi obboleettonni keenya Moonaakoo jiran dhorkaa mootummaa malee waaqeffannaa gochuu dandaʼuun isaanii baayʼee nu gammachiisa. Beekkamtii seeraa yeroo dheeraa booda argame kanaaf Yihowaa baayʼee galateeffanna.—Filiphisiyus 1:7.