Dhimma ijoo ta'etti seeni

SADAASA 17, 2020
MOOZAAMBIIK

Kitaabni Maatewos Afaan Gitoongaa fi Roongaatiin Baʼe

Kitaabni Maatewos Afaan Gitoongaa fi Roongaatiin Baʼe

Sadaasa 14, 2020, Wangeelli Maatewos afaan Gitoongaa fi Roongaa warra kibba Moozaambiikitti dubbatamaniin bifa elektirooniksiitiin baʼeera. Babalʼistoota afaan Gitoongaa dubbatan 524 fi afaan Roongaa dubbatan 1,911f kitaabni kun baʼuun isaa kennaa Yihowaa yeroo sirriitti kenname dha.

Obboleessi Amaaruu Taashaaree inni miseensa Koree Waajjira Damee Moozaambiikii taʼe sagantaa dursee waraabamee fi babalʼistoonni booda ilaalan irratti hiikawwan kun baʼuu isaanii beeksiseera. Dabalataanis obboloonni keenya sagantaa kana televijinii fi raadiyoo biyyoolessaa gara garaatiin akka tamsaasan heyyama argataniiru. Kana malees, dubbistoonni hedduun meeshaa elektirooniksii waan hin qabneef, kitaabni Maatewos kun bifa buukleetii fuula 64 qabuun ni qophaaʼa.

Obboleessi Taashaareen akkas jedheera: “Kitaabonni Qulqulluunii fi barreeffamoonni Kitaaba Qulqulluu afaanota kanaan argaman baayʼee muraasa dha. Wangeelli kun waaʼee hidda dhalootaa Yesuus, waaʼee dhalachuu isaa, waaʼee Lallaba Gaaraa isaa fi raajii inni waaʼee guyyoota dhumaa dubbate waan qabateef kitaaba Maatewos argachuu keenyatti baayʼee gammadna.”

Faayidaa hiikkaan sirrii fi salphaatti hubatamu kun qabu kana ilaalchisee warra hiikan keessaa tokkoon yaadni itti aanu kennameera: “Kitaabni Maatewos barumsa hedduu qabateera. Dubbistoonni afaan garaa isaanii tuquun waaʼee Lallaba Gaaraa Yesuus dubbisanii galateeffannaadhaan yommuu booʼan ija qalbiitiin natti mulʼata.”

Hayyoonni akka jedhanitti namoonni gara 224,000 afaan Gitoongaa, namoonni 423,000 taʼan immoo afaan Roongaa dubbatu. Hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu kun namoonni dabalataa hedduun, ‘daandii jireenyatti geessu’ akka argatan akka gargaaru ni abdanna.—Maatewos 7:14.