Dhimma ijoo ta'etti seeni

HAGAYYA 18, 2023
MOOZAAMBIIK

Kitaabni Maatewos Afaan Piimbiitiin ni Baʼe

Kitaabni Maatewos Afaan Piimbiitiin ni Baʼe

Hagayya 13, 2023, obboleessi keenya Chaarlis Fonsekaa inni miseensa Koree Waajjira Damee Moozaambiik taʼe, Kitaaba Qulqulluu—Wangeela Maatewos Afaan Piimbiitiin baʼuu isaa beeksise. Kitaabni kun Kitaaba Qulqulluu Afaan Piimbiitiin qophaaʼe isa jalqabaati. Kitaabichi baʼuun isaa kan beeksifame Walgaʼii Naannoo bara 2023 “Obsaa”! jedhamuu fi naannoo Fiingooʼeetti godhamee irrattidha. Walgaʼii Naannoo kana irratti namoonni 3,055 argamaniiru. Namoonni walgaʼii kana irratti argaman kitaaba kana bifa maxxansaatiin argataniiru. Bifa dijitaalaatiinis yerosuma baʼeera.

Afaan Piimbii adda durummaadhaan kan dubbatamu dhiha Moozaambiik bulchiinsa Teetee isa daangaa Zaambiyaatti dhihoo jiruttidha. Namoonni 100,000 ol taʼan Afaan Piimbii akka dubbatan tilmaamama. Moozaambiik keessatti Babalʼistoota 897 taʼan gumii Afaan Piimbiin geggeeffamuu 20 fi garee 2 keessatti tajaajilu. Bakka buʼaan waajjira damee Moozaambiik akkana jedheera: “Obboloonnii fi obboleettonni keenya Afaan Piimbii dubbatan Kitaaba Maatewos argachuun isaanii baayʼee nu gammachiiseera.”

Obboloonnii fi obboleettonni keenya Afaan Piimbii dubbatan, kennaa dinqisiisaa waadaa Yesuus gara fuulduraatti namoota “garraamii” hunda akka eebbisu gale qabate kana argachuu isaaniitti akka gammadan homaa hin shakkisiisu; nutis baayʼee gammanneerra.—Maatewos 5:5.