Dhimma ijoo ta'etti seeni

CAAMSAA 4, 2023
MOOZAAMBIIK

Kitaabni Qulqulluu Afaan Giriikii Afaan Gitoongaadhaan Baʼe

Kitaabni Qulqulluu Afaan Giriikii Afaan Gitoongaadhaan Baʼe

Ebla 30, 2023, Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Maatewos-Mulʼataa Afaan Gitoongaadhaan qophaaʼe, walgaʼii addaa Bulchiinsa Inhaambaanee Moozaambiik keessaa Maaxixeetti godhamerratti baʼeera. Obboleessi Waayne Riijwey, inni miseensa Koree Waajjira Damee Moozaambiik taʼe, walgaʼii namoonni 920 irratti argamanirratti kitaabni kun baʼuusaa beeksiseera. Namoonni walgaʼii kana irratti argaman kitaaba kana isa maxxanfame argataniiru. Isa bifa dijitaalaatiin qophaaʼes buufachuun ni dandaʼama.

Afaan Gitoongaa Moozaambiikii keessatti bulchiinsa Inhaambaaneetti dubbatama. Namoonni naannichaa keessummaa simachuu fi arjummaadhaan beekamu. Gitoongaan namoota gara 327,000 taʼanii fi kutaa bulchiinsa kanaa Homonee, Jaangaamoo, Maaxixee, fi Morumbeenee jedhaman keessa jiraataniin dubbatama.

Waajjira hiikkaa fagoo Afaan Gitoongaa, isa bulchiinsa Inhaambaanee Moozaambiik keessaa Maaxixeetti argamu

Babalʼistoonni kanaan dura hiikkaawwan Kitaabota Qulqulluu Afaan Gitoongaan qophaaʼan hubachuun isaanitti ulfaata ture. Amma garuu obboloonni keenya hiikkaa Kitaaba Qulqulluu ergaa isaa sirriitti hubachuuf isaan gargaaru argachuu isaanitti baayʼee gammadaniiru. Hiiktota keessaa tokkoon yaadni akkas jedhu kennameera: “Abbaan jaalala qabeessa taʼe tokko ijoollee isaatti kan dubbatu, jechoota salphaa fi namaa galanitti fayyadameeti. Haaluma wal fakkaatuun namoonni Afaan Gitoongaa dubbatan, hiikkaa Kitaaba Qulqulluu kanarraa dubbii Yihowaa salphaatti hubachuu dandaʼu.”

Obboleessi Riijwey Kitaaba Qulqulluu kana yommuu baasu akkana jedheera: “Michuu Waaqayyoo taʼuu yoo barbaanne guyyaa guyyaadhaan kadhannaadhaan isa haasofsiisuu qofa utuu hin taʼin, karaa Dubbii isaa Kitaaba Qulqulluu guyyaa guyyaadhaan yommuu nu haasofsiisu isa dhaggeeffachuu qabna. Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa Maatewos-Mulʼataa kana ammuma dubbisuu akka jalqabdanii fi guyyaa guyyaadhaan akka dubbistan isin jajjabeessina.”

Hiikkaan Kitaaba Qulqulluu kun baʼuu isaatti, obboloota keenyaa wajjin baayʼee gammanna akkasumas Yihowaan hojii lallabaa bakka Afaan Gitoongaa dubbatamutti raawwatamu akka eebbisu ni kadhanna.—Roomaa 12:15.