HAGAYYA 18, 2020
MOOZAAMBIIK
Kitaabni Qulqulluun Hiikni Addunyaa Haaraa Maatewos-Mulʼata Afaan Chaangaanaa fi Maakuwaatiin Baʼeera
Dhuma torbanii Hagayya 15 fi 16 bara 2020tti, Kitaabni Qulqulluun Hiikni Addunyaa Haaraa Maatewos-Mulʼata Afaan Chaangaanaa fi Maakuwaatiin bifa eleektiroonikiitiin baʼeera; afaanonni kun Moozaambiik keessatti dubbatamu. Babalʼistoonni 8,000 ol taʼan Afaan Chaangaanaa dubbatu; babalʼistoonni 1,700 ol taʼan immoo Afaan Maakuwaa dubbatu.
Miseensa Koree Waajjira Damee Moozaambiik kan taʼe obboleessi keenya Deevid Amooriim, sagantaa dursee waraabamee fi babalʼistootaaf dabarfame irratti Kitaabonni Qulqulluun kun baʼuu isaanii beeksiseera. Kana malees obboloonni keenya sagantaa kana dhaabbata televizyinii tokkoo fi dhaabbata raadiyoo 30 ol taʼaniin dabarsuuf heyyama argataniiru.
Afaan Chaangaanaa naannoowwan kibba fagoo Moozaambiikitti argaman lamatti namoota tilmaamaan miliyoona 1.9 taʼaniin adda durummaadhaan dubbatama. Afaan Tsoongaa isa Afrikaa Kibbaatti dubbatamuun baayʼee walitti dhihaata.
Uummanni Maakuwaa naannoo kaaba Moozaambiikitti argamu keessa jiraatu. Namoonni Afaan Maakuwaa dubbatan miliyoona 5.8 akka taʼan tilmaamama; akkasumas afaan Moozaambiik keessatti balʼinaan dubbatamu dha.
Waggoota hedduudhaaf babalʼistoonni afaanota kana dubbatan Kitaaba Qulqulluu argachuun baayʼee isaanitti ulfaata ture. Gatiin Kitaabota Qulqulluu baayʼee miʼaa ture; yeroo tokko tokko immoo suuqiiwwan Kitaaba Qulqulluu gurguran Dhugaa Baatota Yihowaatti gurguruu hin barbaadan. Obboleessi hojii hiikkaa irratti hirmaate tokko akkana jedheera: “Gumiiwwan Kitaaba Qulqulluu tokko qofa qabanii fi obboloonni haasaa dhiheessanii fi kutaa qaban akka itti fayyadamaniif Galma Walgaʼii keessa kaaʼan argeera.”
Nutis obboloonnii fi obboleettonni keenya Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa Maatewos-Mulʼata Afaan Chaangaanaa fi Maakuwaatiin argachuu isaaniitti gammanneerra. Kitaabonni Qulqulluun kun namoonni baayʼeen “beekumsa dhugaa isa sirrii akka argatan” kan gargaaran akka taʼan ni amanna.—1 Ximotewos 2:3, 4.