Dhimma ijoo ta'etti seeni

Qarqara galaanaa Moozaambiikitti obomboleettii cimaan miidhaa guddaa geessiseera

AMAJJII 13, 2021
MOOZAAMBIIK

Obomboleettii Cimaan Moozaambiik Irra Balaa Guddaa Geessise

Obomboleettii Cimaan Moozaambiik Irra Balaa Guddaa Geessise

Bakkawwan balaa kanaan miidhaman

Naannoowwan Soofaalaa fi Maaniikaa jedhamanii fi gidduu gala Moozaambiikitti argaman dabalatee, naannoowwan Bitootessa 2019⁠tti obomboleettii Saayikiloon Idaayi jedhamuun miidhaman kan dabalatu dha

Balaa uumame

  • Muddee 30, 2020⁠tti naannoowwan qarqara galaanaa Moozaambiikitti argaman irra obomboleettii cimaan miidhaa guddaa geessiseera. Obomboleettiin kunis lolaa fi sigiga lafaa geessisuudhaan qabeenya hedduu mancaaseera.

Miidhaa obbolootaa fi obboleettota keenya irra gaʼe

  • Babalʼistoota sadii irra miidhaa salphaan gaʼeera

Qabeenya mancaʼe

  • Manneen 34 irra miidhaa salphaan gaʼeera

  • Manneen 12 irra miidhaa cimaan gaʼeera

  • Manneen 16 guutummaatti diigamaniiru

  • Galmawwan Walgaʼii 7 irra miidhaa salphaan gaʼeera

  • Galmawwan Walgaʼii 4 irra miidhaa cimaan gaʼeera

  • Galmi Walgaʼii 1 guutummaatti diigameera

Gargaarsa taasifame

  • Koreen yeroo balaan gaʼutti gargaarsa akka godhuuf hundeeffame babalʼistoonni manni isaanii jalaa diigame bakka yeroodhaaf keessa turan akka argatan qophii godheera. Kana malees, namoonni hojii gargaarsaa kana irratti hirmaatan qajeelfama COVID-19 irraa of eeguu ilaalchisee kenname hordofaniiru.

Yihowaan obbolootaa fi obboleettota balaa kanaan miidhaman gargaaruu isaa akka itti fufu ni kadhanna.—Faarfannaa 121:2.