Dhimma ijoo ta'etti seeni

EBLA 8, 2021
NAAYIJEERIYAA

Dhugaa Baatonni Yihowaa Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Igbootiin Baasan

Dhugaa Baatonni Yihowaa Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Igbootiin Baasan

Ebla 4, 2021⁠tti, Obboleessi Keeneez Kuuk inni miseensa Qaama Ol Aanaa taʼe walgaʼii addaa tokko irratti Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa inni haareffame Afaan Igbootiin akka baʼe beeksise. Babalʼistoonni Naayijeeriyaa gumiiwwan Afaan Igbootiin geggeeffaman 1,140 ol keessatti tajaajilan hiikkaa kana argachuu isaaniitti gammadaniiru; hiikkaan kun kan baʼe Hiikni Addunyaa Haaraa inni jalqabaa Afaan Igbootiin baʼee waggaa 14 booda dha.

Hiikkaan kun babalʼistoota 50,000 ol gumiiwwanii fi tuutawwan Afaan Igbootiin geggeeffaman keessatti tajaajilan baayʼee kan fayyadu dha. Kana malees, meeshaan kun namoota Afaan Igboo dubbatanii fi gara miliyoona 40 taʼaniif lallabuu irratti faayidaa guddaa qabaata.

Obboleessi miseensa garee hiikkaa Afaan Igboo taʼe tokko akkana jedheera: “Miiljaleewwan Hiika Addunyaa Haaraa haareffame keessatti argaman hedduun Kitaabni Qulqulluun afaan ammayyaatiin qophaaʼe kun nama Afaan Igboo dubbatu kam iyyuu kan hawwatu akka taʼu godhaniiru. Miiljaleewwan kun jechoota Afaan Ibrootaa ykn Afaan Giriikii kan ibsan qofa miti. Kanaa mannaa, jechoota Afaan Igboo garaa garaa fi ibsawwan namoonni loqoda garaa garaa dubbatan yaada isaa akka hubatan gargaaranis qabataniiru.”

Miseensa Koree Waajjira Damee Naayijeeriyaa kan taʼe Obboleessi Arkiboongi Eebitii akkana jedheera: “Hiikkaa kana irratti kan hirmaatan obboloota jaʼa dha; xumuruuf waggaa afur isaanitti fudhateera. Sababa weerara dhibee kanaatiin rakkoowwan hin eegamne kan nu mudatanii fi hojichi kan harkifate taʼus, Yihowaan namoota hojicha irratti hirmaatan hundumaaf hafuura isaa arjummaadhaan waan kenneef baayʼee isa galateeffanna.”

Obboloonni Afaan Igboo dubbatanii fi addunyaa maratti argaman jechoota namatti tolanii fi Kitaaba Qulqulluu kana keessatti argaman dubbisuudhaan akka gammadan ni amanna. Namoota dhugaa barsiisuu fi ‘daandii Waaqayyoo sirriitti isaaniif ibsuun’ akka isaanitti salphatus ni godha.—Hojii Ergamootaa 18:26.