ONKOLOOLESSA 7, 2022
NEEZARLAANDI
Qorumsa Waggaa 100f Neezarlaand Keessa Turee fi Milkaaʼina Argame
Waajjirri damee Amistardaam ishii magaalaa guddoo Neezarlaandi taatetti erga hundeeffamee barana waggaa 100ffaa isaati. Sochii tiʼookraasii waggoota kanaa keessatti obboloonnii fi obboleettonni keenya amantii fi ija jabina dinqisiisaa taʼe argisiisaniiru.
Misiraachoon kun Neezarlaandiin kan gaʼe jalqaba jaarraa 20tti, yommuu dargaggeessi Haayinriik Briinkoof jedhamu barreeffamoota Waldaan Masaraa Eegumsaa fi Waldaan Barattoota Kitaaba Qulqulluu Biyyoolessaa qopheessu dubbisuu jalqabettidha. Innis utuma baayʼee hin turin wanta barate warra kaanitti himuu jalqabe. Dhugaan facaʼe sunis guddachuu jalqabe. Bara 1920tti, Obboleessi Joseef Raazarfoordi Awurooppaa kan daawwate siʼa taʼu Siwiizarlaanditti waajjira damee hundeesse. Hojii Nezarlaandiitti hojjetamus waajjiruma kanatu toʼata. Bara 1921tti obboleessi Raazarfoordi hojii Neezarlaandiitti hojjetamu akka toʼatuuf obboleessa Adriyaan Bilookiin muude. Bara 1922tti waajjirri damee Amistardaamitti hundeeffame.
Waajjirri damee achitti hundaaʼuunsaa hojiin lallabaa akka gaariitti akka gurmaaʼu godheera. Lakkoobsi tajaajiltoota Yihowaas dabaluusaa itti fufeera. Waraanni addunyaa lammaffaa jalqabuusaa dura babalʼistoonni gara 500 taʼan biyyatti keessatti hojii lallabaarratti ni hirmaatu turan.
Waraanni yommuu jalqabu Neezarlaandi toʼannaa Naazii jala galte. Isaanis Dhugaa Baatota Yihowaa fi gareewwan kan biroo ariʼachuuf carraaqqii cimaa godhu turan. Yeroo kanatti Dhugaa Baatonni Neezarlaandi gara 300 taʼan biyyaa baafamanii turan, baayʼeen isaaniis kaampii hojiin humnaa itti hojjetamutti ergaman. Obboloonni keenya gara 130 taʼan dhukkubaa fi haalawwan rakkisoo kan birootiin kan kaʼe duʼaniiru. Ariʼatamni kun kan isaanirra gaʼe taʼus, bara 1945tti yeroo waraanichi xumurame lakkoobsi Dhugaa Baatota Yihowaa Neezarlaanditti argamanii guddatee 3,125 taʼeera.
Haa taʼu malee, waraanichi xumuramuunsaa qorumsi isaanirra gaʼu akka dhaabbatu hin goone. Waldaan Kaatolikii keessumaa kutaa kibba biyyattiitti Dhugaa Baatota Yihowaa cimsitee mormaa turte. Fakkeenyaaf bara 1952tti yeroo Waldaan Kaatolikii walgaʼii guddaa Veenlootti godhamu dhaabuuf yaalii gootetti kun ifatti mulʼateera. Mormiin kunis namoonni bakka walgaʼii kana itti godhatan isaaniif kireessan walii galtee godhan akka haqan taasiseera. Obboloonni keenya garuu dirreerratti dunkaana dhaabatanii walgaʼicha achitti geggeeffatan.
Mormitoonni garuu carraaqqii gochuusaanii ittuma fufan. Yeroo taʼe tokkotti namoonni 1000 ol taʼan saganticha addaan kutuuf bakka obboloonni itti walitti qabamanii jiran dhufan. Sanbadduraa waaree booda obboloonni keenya utuma walgaʼiirra jiranii poolisoonni bakka walgaʼii itti godhatan sakattaʼan, akkasumas obboloota tokko tokko qaban.
Haa taʼu malee carraaqqiin mormitoonni godhan kun isaaniif hin milkoofne. Obboloonni itti gaafatamummaa qaban gargaarsa waajjira dameerraa argataniin walgaʼiin naannoo sun akka itti fufu gochuu dandaʼaniiru.
Yihowaan carraaqqii obboloonni keenya godhan eebbisuusaa itti fufeera. Bara 1983tti waajjirri damee Neezarlaandi gamoo haaraa Iimenitti ijaarametti jijjiirame. Bara 2022tti lakkoofsi Dhugaa Baatota Yihowaa Neezarlaandi keessatti argamanii gara 30,000 taʼeera.
Seenaan Dhugaa Baatota Yihowaa Neezarlaanditti argamanii Yihowaan sabasaa akka ‘hin dhiisnee fi akka hin gatne’ mirkaneessa.—Keessa Deebii 31:6.