Dhimma ijoo ta'etti seeni

SADAASA 1, 2020
PAAPPUWAA NIIWU GIINII

Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Hiirii Mootuutiin Baʼe

Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Hiirii Mootuutiin Baʼe

Obboleessi Keegaawaalee Biyaamaa inni miseensa Koree Waajjira Damee Paappuwaa Niiwuu Giinii taʼe Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa afaan Hiirii Mootuutiin baaseera. Sagantichi waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa isa Poorti Moorzibii jirutti dursee kan waraabame siʼa taʼu, Sadaasa 28, 2020 namoonni 7000 ol taʼan ilaalaniiru.

Paappuwaa Niiwuu Giiniinitti afaan gara 840 kan dubbatamu siʼa taʼu, addunyaa irratti biyya hunda caalaa afaan hedduun itti dubbatamu dha. Hiirii Mootuun afaanota hojii biyyichaa sadii keessaa tokko dha. Afaan kana gara namoota 140,000tu dubbata.

Obboleessi Kuukuunaa Jaak inni miseensa Koree Waajjira Damee taʼe akkas jedheera: “Obboloonni afaan Hiirii Mootuu dubbatan Kitaaba Qulqulluu kana yeroo dheeraaf eegaa turaniiru. Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa akka isaan jaallatan beekna, sababiin isaas salphaa fi hubachuuf kan hin ulfaanne dha.”

Pirojektii kana irratti gareen hiiktotaa lama waggaa kudhaniif hojjetaniiru. Hiiktota kana keessaa tokko akkas jetteetti: “Dubbistoonni Uumamaa kaasee hanga Mulʼataatti maqaa Waaqayyoo arguun akka isaan gammachiisu beekamaa dha. Kennaa kanaaf Yihowaa ni galateeffanna!”

Hiika haaraa kana xumuruuf hojii hojjetame hunda yommuu yaadnu akkuma Isaayyaas raajichaa nutti dhagaʼama; inni akkas jedheera: “Yaa Yihowaa, ati nagaa nuuf kennita, Sababiin isaas, wanta raawwanne kam iyyuu Situ fiixaan nuuf baase.”—Isaayyaas 26:12.