Dhimma ijoo ta'etti seeni

Bitaa: Garee qajeelchitootaa fi obboloota bara 1940mmannitti Giliyaad irraa eebbifaman. Gubbaa mirga: Miseensota gumii jalqabaa ganda Kisiiloofaaguu hundeeffamee. Gajjallaa mirga: Bara 1952​tti obboloonni haasaa sabaa yommuu beeksisan

BITOOTESSA 29, 2022
QOPHROS

1922-2022: Fakkeenya Amanamummaa Waggaa 100f Qophiros Keessa Ture

1922-2022: Fakkeenya Amanamummaa Waggaa 100f Qophiros Keessa Ture

Bara 2022 Dhugaa Baatonni Yihowaa, Qophiros ishii odola Medetaraaniyaa taatetti lallabuu erga jalqabanii waggaa 100 guuteera. Phaawulos ergamaan adeemsa misiyoonummaa isaa isa jalqabaa irratti Barnaabaas isa nama dhalataa Qophiros taʼee wajjin achi dhaqee ture. Bara keenyattis, sanyiin dhugaa Kitaaba Qulqulluu inni jalqabaa kan facaafame, bara 1922 yeroo qeesiin tokko bukleetii Lubbuun ni Duutii? jedhamu fudhatetti ture.

Waggaa lama booda, barataan Kitaaba Qulqulluu Saayiras Charalaambas jedhamuu fi Yunaayitid Isteetis jiraatu gara Qophirositti deebiʼe. Hinaaffaadhaan lallabuu kan jalqabe yommuu taʼu, namoota magaalaa fi baadiyyaa jiran hundaaf tiraaktii Namoonni Duʼan Eessa Jiru? jedhamu poostaadhaan erge.

Andoonis Speetiyoots

Tiraaktiin kunis nama Andoonis Speetiyoots jedhamu bira gaʼe. Andoonis wanti dubbise baayʼee waan isa ajaaʼibsiiseef, nama ollaa isaa Antiriʼaas Kireestuu jedhamuu wajjin irratti mariʼachuu jalqabe. Achiis namoonni lamaan kun wanta beekan namoota kaanitti himuu jalqaban.

Waldaan Ortodoksii Giriikii carraaqqii isaan lallabuuf godhan morman, achiis Andoonis fi Antiriʼaas miseensummaa waliddichaa keessaa baafaman. Taʼus matumaa lallabuu isaanii hin dhiisne. Bara 1930 booda, carraaqqiin isaanii buʼaa waan buuseef odolicha keessatti gumiin jalqabaa ganda Kisiiloofaaguu jedhamutti hundeeffame.

Miisiyooniin Giliyaaditti leenjii argate inni jalqabaa Antooniyoos Kaaraandinoos bara 1947​tti yeroo dhufu, obboloonni Qophiros jiran hojii lallabaa irratti gargaarsa dabalataa argataniiru. Bara 1948​tti, babalʼistoonni hojii lallabaa irratti hinaaffaadhaan hirmaatan 50 turan, wajjirrii dameen jalqabaa kan hundeeffamees baruma kanatti ture. Bara 1960​tti immoo obboloonni seera biratti beekamtii argatan. Waggaa lama boodas, Galmi Walgaʼii jalqabaa Nikosiyaatti ijaarame. Lakkoofsi Dhugaa Baatotaa dabaluu isaa kan itti fufe yommuu taʼu, gamoon Beetel haaran guddaa taʼe bara 1969​tti tajaajila Yihowaatiif murteeffame.

Guddinni argamaa yommuu dhufu ariʼatamnis dabalaa dhfue. Naannoo bara 1965​tti, obboloonni dargaggoota ta‵an tajaajila loltummaa kennuu waan didaniif ni hidhamu turan. Isaan keessaa tokko tokko ejjennoo isaanii akka laaffisan gochuuf loltootaan dararama guddaan isaan irra gaʼaa tureera.

Miʼa gargaarsaa Liimaasoliif ergame

Bara 1974 yeroo Turkiin Qophiroosiin weerartee kutaawwan odolichaa hedduu toʼannaa jala galfattee turtetti immoo rakkinni kan biraan ni uumame. Obboloonni gara 300 taʼan biyyaa baʼanii baqatan. Miseensoonni maatii Beetelis gamoo waajjira damee gadhiisanii baʼuuf diqamanii turan. Obboloonni fi obboleettonni biyyota kan biraa jiran, obboloota keenya Qophiros keessa jiraniif gargaarsa ergan. Obboloonni haalli isaanii isaaniif heyyamus namoota hidhata amantii isaanii taʼan mana isaanii akka buufatan godhaniiru.

Waraana sanaan kan kaʼe, obboloonnii fi obboleettonni keenya waaqeffannaadhaaf walitti qabamuu hin dandaʼan turan. Kun taʼus, lallabuu isaanii itti fufaniiru. Bara 2006​tti, obboloonni Walgaʼii Koonyaa “Fayyinni Keenya Dhihaateera” jedhamuu fi Liimaasol keessatti godhameen milkaaʼina guddaa argataniiru. Dhugaa Baatonni Yihowaa Qophiros keessa jiran hundi bara 1974 booda yeroo jalqabaatiif walitti qabamuu dandaʼaniiru.

Walgaʼii Koonyaa bara 2006 “Fayyinni Keenya Dhihaateera” jedhamu

Yeroo ammaatti odolicha keessatti babalʼistoonni 2,866 gumiiwwan 41 fi gareewwan 17 afaanota naannicha keessatti dubbataman 14iin tajaajilaa jiru. Ayyaana Yaadannoo duʼa Kiristoos bara 2021 kabajame irratti namoonni 5,588 taʼan argamaniiru.

Nutis obbolootaa fi obboleettota keenya Qophiros jiranii wajjin ni gammanna. Gargaarsa Yihowaatiin haaluma kanaan akka itti fufanis abdii qabna.—Filiphisiyus 3:16.