Dhimma ijoo ta'etti seeni

WAXABAJJII 30, 2020
RAASHIYAA

Abbaan Alangaa Deenis Kiristeensan Yeroo Hidhaa Isatti Murteeffame Utuu hin Xumurin Akka Gadhiifamu Dabarfame Ilaalchisee Ol Iyyannoo Dhiheeffate

Abbaan Alangaa Deenis Kiristeensan Yeroo Hidhaa Isatti Murteeffame Utuu hin Xumurin Akka Gadhiifamu Dabarfame Ilaalchisee Ol Iyyannoo Dhiheeffate

Ragaan amma nu gaʼe akka argisiisutti abbaan alangaa Naannoo Shaatunoovaa Obboleessi keenya Deenis Kiristeensan yeroo hidhaa isatti murteeffame utuu hin xumurin akka gadhiifamu dabarfame ilaalchisee ol iyyannoo dhiheeffateera. Abukaattoowwan obboleessa keenya Deenis Kiristeensan mormii isaanii mana murtiitti kan dhiheeffatan taʼu illee dhimmi isaa hamma ilaalamutti torban muraasa akka fudhatu hin shakkisiisu. Abbootiin taayitaa manneen hidhaa obboleessi keenya Deenis Kiristeensan kutaa adabbiidhaaf qophaaʼe keessatti guyyaa kudhaniif akka turu godhaniiru. Haalawwan utuma hin yaadamin kan jijjiiraman taʼanis, yeroo ammaatti obboleessi keenya Deenis Kiristeensan haala gaarii irratti argama. Obboleessa keenya Deenis Kiristeensan fi haadha manaa isaatiif yeroo hundaa waan kadhattaniif guddaa isin galateeffanna.