Dhimma ijoo ta'etti seeni

ADOOLESSA 1, 2020
RAASHIYAA

Abbaan Alangaa Raashiyaa Kiristeensan Hidhaa Isaa Utuu Hin Xumurin Akka Hin Baane Dhowwe

Abbaan Alangaa Raashiyaa Kiristeensan Hidhaa Isaa Utuu Hin Xumurin Akka Hin Baane Dhowwe

Waxabajjii 26, 2020, abbootiin taayitaa mana hidhaa Leegoov karaa seeraan ala taʼeen obboleessa keenya Deenis Kiristeensan kutaa adabni addaa itti kennamuu (EPKT) fi yeroo baayʼee namoonni yakka cimaa hojjettan keessatti hidhaman keessa isa galchan. Yeroo baayʼee dhukkubsate kanatti kutaa sana keessatti akka hidhamu gochuun isaanii, taʼe jedhanii amanamummaa isaa akka cabsu gochuuf akka yaadan kan argisiisu dha. Abbootiin alangaa kun murtii biiroon abbootii alangaa guyyoota muraasa dura obboleessi keenya Deenis Kiristeensan akka gadhiifamu kenne mormuuf, himata sobaa isa irratti dhiheessaa jiru.

Obboleessi keenya Kiristeensan waggoota jaʼa itti murteeffame keessaa walakkaa isaa xumureera. Waggaa tokkoo oliifis dhiifamaan akka isa gadhiisaniif ykn hidhaa isatti murteeffame akka isaaf hirʼisan gaafachaa ture. Ol iyyannoowwan sadii dhiheessee kan hin fudhatamne taʼus inni arfaffaa mana murtiitti dhihaateera. Waxabajjii 23, 2020, manni murtii Godina Leegoov hidhaan isaa inni hafe qarshiidhaan akka bakka buufamu ajajeera. Abbaan alangaa Artam Kofaanoov jedhamuu fi Ol iyyannoo sana dhaggeeffachaa ture, yaada hidhaan isaa akka hirʼifamu dhihaate deeggareera.

Guyyoota lamaa booda abbaan alangaa kan biraan Aleksee Shatunoov jedhamu murtiin dabarfame seeraan ala waan taʼeef haqamuu akka qabuu fi dhimmi kun manuma murtii kana keessatti garuu abbaa murtii kan biraatiin ilaalamuu akka qabu dubbateera. Shaatunoov himata sobaa bulchitoonni mana hidhaa sanaa dhiheessan irratti hundaaʼuudhaan obboleessi keenya Kiristeensan akka gaariitti akka hin hojjennee fi mana hidhaa sana keessatti amala gaarii akka hin argisiisne dubbateera.

Yeroo Obboleessi keenya Kiristeensan Waxabajjii 23itti Ol iyyannoo isaa dhiheeffatetti, bakka buutonni mana hidhaa sanaa yaada mormii wal fakkaataa taʼe dhiheessanii kan turan taʼus, abbaan murtii yaadni mormii isaanii fudhatama akka hin qabne ibseera. Abukaatoon isaas waraqaa mana yaalii Obboleessi keenya Kiristeensan dhibee fayyaa waan qabuuf hojii humnaa mana hidhaa sana keessatti hojjetamu hojjechuu akka hin dandeenye ibsu mana murtiitti argisiiseera. Bakka buutonni mana hidhaa sanaas yeroo yaada isaanii kennanitti, dhibee fayyaa obboleessi keenya Kiristeensan qabuun kan kaʼe hojiin humna inni hojjechuu dandaʼu akka hin jirre amananiiru.

Yommuu abbootiin alangaa ol iyyannoo Obboleessi keenya Kiristeensan hidhaa isaa utuu hin xumurin gadhiifamuuf dhiheesse ilaalaa jiranitti, abbootiin taayitaa mana hidhaa sanaa obboleessa keenya Kiristeensan irratti gabaasa lama dhiheessan. Inni jalqabaa, saʼaatii hin heyyamamnetti mana nyaataa keessa ture kan jedhu dha; inni lammaffaan immoo utuu jaakkeettii hin uffatin tiishartiidhaan qofa gamoo loltootaa keessa ture kan jedhu dha. Kanaan kan kaʼes, abbootiin taayitaa mana hidhaa sanaa guyyoota kudhaniif obboleessa keenya Kiristeensan kutaa adabni addaa itti kennamu (EPKT) keessa isa galchan. Akka seera Raashiyaatti, abbootiin taayitaa murtoo kana fudhachuu kan dandaʼan namni hidhame sun irra deddeebiʼee seerawwan mana hidhaa sanaa yoo cabse, akkasumas dursee fayyumaan isaa qoratamee yoo ilaalame qofa dha. Obboleessi keenya Kiristeensan garuu seerawwan mana hidhaa waan hin cabsinee fi duree fayyummaan isaa qoratamee waan hin ilaalamneef kutaa sana (EPKT) keessa isa galchuuf sababa hin qaban turan.

Obboleessi keenya Kiristeensanii fi namoonni isaa wajjin hidhaman kaan kutaa dheerinni isaa meetira sadii fi balʼinni isaa meetira lama taʼe keessatti hidhamaniiru. Kuticha keessa qilleensi gaʼaan hin seenu akkasumas saaphaphuun keessatti margeera; kun immoo dhukkubni obboleessa keenya Kiristeensan akka itti hammaatu godheera. Jiʼoota muraasa duraa eegalee dhukkuba daranyoo sombaa fi dhukkuba lafee dugdaa cimaatiin dararamaa jira. Abukaatoon obboleessa keenya Kiristeensan “bulchitoonni mana hidhaa sanaa utuma kana beekanii siree gogaa irra akka ciisu isa godhaniiru, kun immoo dhukkubni isaa akka itti hammaatu godheera” jedhuudhaan dubbateera.

Obboleessi keenya Kiristeensan Abukaatoo isaatiin, yeroo inni seera cabsite jedhanii na himatanitti namoonni kaanis naa wajjin turan, garuu gara kutaa adabni addaa itti kennamutti (EPKT) kan galchan anaan qofa ture jechuudhaan dubbateera. Abukaatoon obboleessa keenya Kiristeensan, “Kun obboleessa keenya Deenis Kiristeensan ajaja abbootii murtiidhaan mana hidhaatii akka hin gadhiifamneef taʼe jedhamee kan raawwatame dha” jechuudhaan dubbateera.

Yeroo abbootiin taayitaa Raashiyaa obboloota keenya Raashiyaa keessatti argaman irratti mala haxxummaa haaraa fi shira xaxaa jiran kanatti Yihowaan iddoo amansiisaa isaan kooluu itti galan akka isaaniif taʼu amanannaa qabna. Yeroo Obboleessi keenya Kiristeensan fi haati manaa isaa Iriinaa irra qorumsi cimaan gaʼaa jiru kanattis, hundi keenya Yihowaan wantoota amanamoo taʼanii itti fufuuf isaan gargaaru akka isaaniif kennu kadhachuu keenya itti haa fufnu.—Faarfannaa 94:13, 21, 22.