Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleettiin keenya Yeleenaa Baarmaakinaan abbaa manaa ishii Dimitrii wajjin Mana Murtii Godinaa Pervorecheniskii isa magaalaa Vilaadivoostokitti argamuu alatti

FULBAANA 29, 2020
RAASHIYAA

Abbaan Murtii Dhimma Obboleettii Keenya Yeleenaa Baarmaakinaa Ragaa Waan hin Qabneef Abbaa Alangaatti Deebiseera

Abbaan Murtii Dhimma Obboleettii Keenya Yeleenaa Baarmaakinaa Ragaa Waan hin Qabneef Abbaa Alangaatti Deebiseera

Fulbaana 29, 2020⁠tti, Manni Murtii Godinaa Pervorecheniskii inni magaalaa Vilaadivoostokitti argamu himata obboleettii keenya Yeleenaa Baarmaakinaa irratti dhihaate utuu hin ilaalin hafeera. Kanaa mannaa, manni murtii dhimmicha gara waajjira abbaa alangaatti deebiseera. Abbaan murtii himanni abbaan alangaa obboleettiin keenya Yeleenaa Baarmaakinaan sochii mankaraarsitummaa irratti akka hirmaatte dhiheesse ragaa quubsaa akka hin qabne ibseera. Abbaan alangaa dhimma kana ilaalchisee ol iyyannoo dhiheessuu dandaʼa. Taʼuu baannaan garuu, dhimmichi hamma waajjirri abbaan alangaa ragaa quubsaa dhiheessutti hin ilaalamu.