CAAMSAA 1, 2020
RAASHIYAA
Abbootiin Taayitaa Awurooppaa Ariʼatama Raashiyaatti Dhugaa Baatota Irra Gaʼu Balaaleffatan
Bitootessa 12, 2020 biyyoonni Awurooppaa 30 ol taʼan ariʼatamaa fi dhiphina Raashiyaatti, obboloota keenya irra gaʼaa jiru cimsanii balaaleffataniiru. Biyyoonni kun gocha Raashiyaa kan balaaleffatan, walgaʼii Dhaabbanni Nageenyaa fi Waltaʼiinsa Awurooppaa (OSCE) Manni Maree Dhaabbataa qopheesse irratti ture. Ergama OSCE keessaa tokko mirga namummaa kabachiisuu dha.
Manni Maree Dhaabbataa OSCE ibsa kana tokkummaadhaan dabarsuu isaa dura, miseensonni biyyoota Gamtaa Awurooppaa (EU) 27 fi biyyoota miseensa hin taane 6 wajjin akkas jedhanii turan: “Gamtaan Awurooppaa mana sakattaʼuu, akkasumaan hidhuu, qorannaa yakkaa geggeessuu fi gara waggaa torbaatiif hidhuu dabalatee waaʼeen Dhugaa Baatota Yihowaa Raashiyaatti ariʼatamaa jiranii isa yaaddessa. Kana malees, miseensonni Dhugaa Baatota Yihowaa hidhamuu ykn qabamuu isaanii dura eegdonni mana hidhaa ykn poolisoonni miidhaa fi rakkina isaan irraan geessisuu isaanii ilaalchisee gabaasni addaa dhiheenya dhageenye baayʼee nu yaaddessa.”
OSCEtti ambaasaaddarri Yunaayitid Kiingidam Neel Buush haasaa walgaʼii Mana Maree Dhaabbataa sana duratti kenne irratti akkas jedheera: “Adoolessa 2017, Manni Murtii Ol Aanaa Raashiyaa, Dhugaa Baatonni Yihowaa shororkeessitoota akka taʼan murtoo duraan murteeffame irratti walii galeera. Murtoon kun waaqeffannaan lammiiwwan Raashiyaa 175,000 nagaadhaan dhiheessan akka yakkaatti akka ilaalamu godheera. Kana malees, bilisummaa amantii Heera Mootummaa Raashiyaa keessatti raggaasifamee fi murtoo hedduu OSCE dabarsee wajjin kan wal simu miti.” Itti dabalees akkas jedheera: “Erga murtiin kun darbee kaasee, namoonni hedduun akka hidhaman, qorannaan yakkaa akka irratti geggeeffamee fi guutummaa Raashiyaatti Dhugaa Baatonni Yihowaa ariʼatamuu isaanii argineerra. Nutis rakkinnii fi miidhaan sababii gaʼaa malee, Dhugaa Baatota Yihowaa irra gaʼaa jiru baayʼee nu yaaddessa.”
Gochawwan abbootiin taayitaa Awurooppaa caqasan reebicha Guraandhala 6, 2020 Dhugaa Baatota shan irratti raawwatame kan dabalatu dha. Eegdonni mana hidhaa Raashiyaa Peenaal Koloonii Lakk. 1tti argaman, Obboleessa Aleeksii Budeenchuuk, Geenaadaayi Jarmaan, Roomaan Giriidaasoov, Feeliiksi Maakhaamadiyeevii fi Aleeksii Miireetskiin gara jabinaan reebaniiru. “Hunda isaan irra miidhaa cimaan kan gaʼe siʼa taʼu, [Feeliiksi Maakhaamadiyeeviin] immoo mana yaalaa galuun akka isa barbaachise” bakka buʼaan EU gabaaseera. “Dabalataanis Guraandhala 10, 2020 Vaadiim Kuutseenkoon mana hidhaa galfamuu isaa dura miidhaan akka irra gaʼe kan gabaafame yoo taʼu, poolisoonni waaʼee Dhugaa Baatota kaanii odeeffannoo akka isaaniif kennu gochuuf, irra deddeebiʼanii isa tumaniiru, isa hudhaniiru akkasumas elektirikii itti kaaʼaniiru.”
Bakka buʼaan EU akka dubbatetti, “dhiphisuu fi miidhaa geessisuun mirga namummaa sarbuu fi ulfina namaa xiqqeessuu keessaa warra ol aanoo dha. Dhiphisuun seera namummaa addunyaa kan cabsu yoo taʼu, keessattuu, Waliigaltee addunyaa Mirga Namummaa fi Mirga Siyaasaa, Waltaʼiinsi Awurooppaa Mirga Namummaa ilaalchisee baase akkasumas dhiphisuu fi gocha Gara Jabinaa kaan, gocha namni raawwachuun isaaf hin malle ykn Gocha ykn adaba nama salphisu ilaalchisee Waltaʼiinsi Mootummoota Gamtoomanii baasee kan cabsu siʼa taʼu, Federeeshiniin Raashiyaa kana hundumaa eeguuf walii galeera.”
Kana malees, geggeessitoonni Awurooppaa akka jedhanitti, Raashiyaatti gochi Dhugaa Baatota Yihowaa irratti raawwatamu, waadaa Federeeshiniin Raashiyaa obbolootaa fi obboleettota keenya biyyichatti argamaniif bilisummaa amantii akka kennu Mana Marii Dhaabbataa duratti walii gale wajjin kallattiidhaan wal faallessa.
“Ebla 20, 2017 Manni Murtii Ol Aanaa Federeeshinii Raashiyaa, Giddu Galli Bulchiinsa Dhugaa Baatota Yihowaa fi dhaabbilee bakka adda addaa jiran akka shororkeessitootaatti ilaaluudhaan dhorkeera. Murtii kana booda, Bakka Buʼan Raashiyaa, Dhugaa Baatonni Yihowaa amantii isaanii bilisaan akka geggeessanii fi bilisummaan amantii akka isaaniif kennamu Mana Maree Dhaabbataatti al tokkoo ol dubbateera. Taʼus, gabaasa hedduu Dhugaa Baatonni Yihowaa manni isaanii akka sakattaʼame, akkasumaan akka hidhamanii fi qorannoon yakkaa akka isaan irratti geggeeffame ibsan dhageenyeerra” jechuudhaan Bakka Buʼaan EU ibseera.
Geggeessitoonni EU akka jedhanitti, “Jaarmiyaawwan amantii Dhugaa Baatota Yihowaa Raashiyaa jiran hunda irratti dhorkaan erga godhamee booda, Manneen 869 sakattaʼamaniiru, namoonni 26 murtii dura hidhamaniiru, namoonni 23 manaa akka hin baane dhowwamaniiru, 316 himanni irratti dhihaateera, namoonni 29 yakkamtoota akka taʼan itti murtaaʼeera.”
“Wantoota olitti ibsaman irraa akka hubannutti, Dhugaa Baatonni Yihowaa yommuu waaqeffannaa isaanii geggeessan, manni isaanii ni sakattaʼama, yeroo dheeraaf hidhamu, yakkaan himatamu, akkasumas ni hidhamu. Manneen hedduu guyyaatti magaalaa tokkotti sakattaʼaman dabalatee, baayʼinni sakattaʼiinsa manaa, duulli ariʼatamaa qindoominaan Dhugaa Baatota Yihowaa irratti geggeeffama waan jiru akka fakkeessu” Ambaasaaddar Buush dubbateera.
Hayyoonni bilisummaa amantiis gocha obboloota keenya Raashiyaa jiran irratti raawwatamu balaaleffataniiru. Yaada Bakka Buʼaan EU dubbatan irratti yaada yommuu kennan, Doktar Guudruun Kuuglaar inni abukaatoo Ostiriyaa, nama siyaasaa fi barsiisaa amantii Kaatolikii Roomaa taʼe akkas jedheera: “Dhugaa Baatonni Yihowaa Ebla 2017 Raashiyaatti erga dhorkamanii booda, haalli jiru caalaatti hammateera. . . . Murtiin yakkaa Dhugaa Baatota Raashiyaa jiran irratti darbe hundi seera shororkeessummaa isa dhaabbanni mirga namummaa ‘iftoomina akka hin qabnee fi garmalee balʼaa’ akka taʼe qeequ irratti kan hundaaʼe dha. Abbootiin taayitaa namoonni Dhugaa Baatota waan taʼanii fi amantii isaanii mana isaaniitti waan geggeeffataniif jecha mana hidhaa galchuuf seera shororkeessummaatti fayyadamu. . . . Ariʼatamni Dhugaa Baatota Yihowaa fi amantiiwwan xixiqqoo Raashiyaa jiran irra gaʼu dhaabbachuu qaba!”
Raashiyaa fi miseensonni OSCE hundumtuu “miidhaa gaʼu hambisuuf tarkaanfii fudhachuu, warra gochicha raawwatan seeratti dhiheessuu, warra miidhaan irra gaʼe adda baasuu fi beenyaa isaanii kaffaluuf dirqamni akka isaan irra jiru” Bakka Buʼaan EU dubbateera. “Kanaafuu, namni gocha kana raawwate kam iyyuu akka adabamuuf, Federeeshiniin Raashiyaa gabaasawwan dhimmicha ilaalchisee dhihaatan hunda irratti qorannoo saffisa qabu, buʼa qabeessa taʼee fi gad fageenya qabu akka godhu gaafanna. . . . Abbootiin taayitaa himata namoota mirga namummaa qaban itti fayyadaman irratti banan akka dhiisan ykn namoota hidhan akka gadhiisan gaafanna. Federeeshiniin Raashiyaa mirga namummaa addunyaa eeguuf waadaa gale akka eegu, mirga dubbachuu, gurmaaʼuu, nagaadhaan walitti qabamuu, amantii akkasumas mirga miseensa garee tokkoo taʼuu akka kabajuu fi murtii haqaa akka kennu gaafanna.”
Raashiyaan bilisummaa amantii kabajuudhaan qeeqa addunyaa kanaaf deebii kennus kennuu baatus, Yihowaan obboloonni keenya Raashiyaa jiran hamma haqa dhugaa argatanitti obsaa fi ija jabinaan jabaatanii dhaabbachuu isaanii akka itti fufan gargaaruu isaa akka itti fufu beekna.—Faarfannaa 10:18.