Dhimma ijoo ta'etti seeni

Guraandhala 10, 2021
RAASHIYAA

Abbootiin Taayitaa Raashiyaa Mana Dhugaa Baatota Naannoo Mooskootti Argamanii 15 Sakattaʼan

Abbootiin Taayitaa Raashiyaa Mana Dhugaa Baatota Naannoo Mooskootti Argamanii 15 Sakattaʼan

Guraandhala 10, 2021 gara ganamaa abbootiin taayitaa Raashiyaa yoo xinnaate mana obboloota keenya Mooskoo fi naannoo ishii keessa jiraatanii 15 sakattaʼaniiru. Poolisoonni naannichaa fi biyyaalessaa Tajaajila Nageenyaa Federaalaa (FSB) wajjin taʼuudhaan hojii mana sakattaʼuu kana irratti hirmaataniiru. Poolisoonni kun obboloota baayʼee gaafannoodhaaf fudhataniiru. Yoo xinnaate obboloonni sadi hidhamaniiru.

Yihowaan obboloonnii fi obboleettonni Raashiyaa ariʼatama kana dandamachuuf akka isaan gargaaru waan beeknuuf isaaniif kadhachuu keenya itti fufna.—1 Pheexiros 5:10