Dhimma ijoo ta'etti seeni

Bara 2019⁠tti poolisoonni naannoo fi abbootiin taayitaa Nageenya Federaalaa biyyattii (FSB) mana obboleessa keenya magaalaa Niishinii Noovgareed keessa jiraatu yommuu sakattaʼan

ADOOLESSA 15, 2020
RAASHIYAA

Abbootiin Taayitaa Raashiyaa Manneen Obboloota Keenya Hedduu Sakattaʼan

Abbootiin Taayitaa Raashiyaa Manneen Obboloota Keenya Hedduu Sakattaʼan

Akka oduun gabaasa abbootii taayitaa ibsetti, Adoolessa 13, 2020 Naannoo Varoonesh jedhamtu keessatti abbootiin taayitaa meeshaa waraanaa hidhatan manneen obboloota keenya 110 sakattaʼaniiru. Kun bara 2017 booda manneen Dhugaa Baatota Yihowaa hedduun guyyaa tokko keessaatti sakattaʼamuudhaan kan jalqabaa ti. Obboloonni lama, Aleeksaandar Bookoovii fi Dimiitrii Kaatiyrov, akkasumas paaswordii bilbila moobaayilii isaanii kennuu diduu isaaniitiin reebamaniiru, akkasumas miidhaa guddaan isaan irra gaʼeera.

Naannoo Varoonesh jedhamtu keessatti Manni Murtii Godina Leniinskiimanneen Dhugaa Baatota hedduu akka sakattaʼamu ajaja dabarseera. Abbootiin taayitaa yoo xinnaate manneen magaalota, mandarootaa fi baadiyyaa torba keessa jiran akka sakattaʼan ajaja dabarseera. Obboloonni keenya hedduun qorannaadhaaf waajjira koree qorattootaatti geeffamaniiru.

Guyyaa itti aanu, jechuunis Adoolessa 14, 2020, Manni Murtii Godina Godina Leniinskii obboloonni kudhan Fulbaana 3, 2020 hamma mana murtiitti dhihaatanitti mana hidhaa akka turan murtoo isaan irratti dabarseera; obboloonni kunneen: Aleeksee Antiyuukiin isa umuriin isaa waggaa 44 taʼe, Sirgii Baayiiv isa umuriin isaa waggaa 47 taʼe, Iuurii Gaalkaa isa umuriin isaa waggaa 44 taʼe, Valeeriy Gurskiiy isa umuriin isaa waggaa 56 taʼe, Viitaalii Neeruush isa umuriin isaa waggaa 41 taʼe, Istiipaan Pankraatoov isa umuriin isaa waggaa 24 taʼe, Iigoor Papoov isa umuriin isaa waggaa 54 taʼe, Evgeenii Sakaaloov isa umuriin isaa waggaa 44 taʼe, Miikaayiil Veseeloov isa umuriin isaa waggaa 51 taʼee fi Anaatoolii Yaaguboov umuriin isaa waggaa 51 taʼe dha.

Gabaasni waaʼee abbootii taayitaa ilaalchisee olitti ibsame manneen 110 akka sakattaʼaman ibseera, hanga ammaatti maatiiwwan 100 taʼan manni isaanii fi qabeenyi isaanii akka sakattaʼame mirkaneessaniiru. Tarii lakkoofsi kun dabaluu dandaʼa. Bilbilli isaanii fi kompiitarri isaanii yeroo manni sakattaʼamaa turetti waan jalaa fudhatameef obboloota rakkinni kun isaan irra gaʼe hunda argachuun rakkisaa dha.

Kana dura, Guraandhala 10, 2020, yeroo abbootiin taayitaa manneen Dhugaa Baatota 50 Naannoo Tiraansbaayiikal keessa jiraatan sakattaʼanitti, guyyaa tokko keessatti manneen hedduun sakkattaʼamuudhaan sadarkaa tokkoffaa irra ture. Murtoo Manni Murtii Ol Aanaa dabarseen, bara 2017⁠tti manneen obboloota keenyaa 1,000 ol akka sakattaʼameera.

Raajiin Kitaaba Qulqulluu raawwatamaa waan jiruuf, mormii cimaa obboloota keenya Raashiyaa fi biyyoota kaan irra gaʼaa jiru nu hin dinqisiisu. Yihowaan amanamoo taʼanii akka itti fufaniif hafuura qulqulluu isaan barbaachisu akka isaaniif kennu waan beeknuuf obboloota keenyaaf kadhachuu keenya itti fufna.—1 Pheexiros 4:12-14, 19.