HAGAYYA 11, 2020
RAASHIYAA
Abbootiin Taayitaa Yunaayitid Isteetisii fi Awurooppaa Ariʼatama Raashiyaan Dhugaa Baatota Yihowaa Irratti Geessistu Balaaleffatan
Yunaayitid Isteetisii fi biyyoonni Awurooppaa gara 30 taʼan, ariʼatamaa fi miidhaa bifa gurmaaʼeen obboloota keenya Raashiyaa jiran irra gaʼu balaaleffatan. Gochi kun kan balaaleffatame, walgaʼii Dhaabbanni Nageenyaa fi Mana Maree Dhaabbataa a Waltaʼiinsa Awurooppaa (OSCE) Waxabajjii 23, 2020 qopheesse irratti dha.
Bakka buʼaa Yunaayitid Isteetisii fi gorsaa siyaasaa OSCE kan taʼan, Leen Daarneel Baahiin abbootii taayitaa walgaʼan kanaan akkas jedhaniiru: “Yunaayitid Isteetisii fi galma kana keessa kan jirtan kaan, waaʼee sakkattaʼiinsa poolisii, sababa malee qabuu fi hidhuu, gara waggaa jaʼaa fi walakkaa yakkaan adabuu fi dhiphisuu abbootiin taayitaa Raashiyaa Dhugaa Baatota Yihowaa irratti raawwatanii gabaasa ibsu balaaleffanneerra, kana gochuu keenyas itti fufuu qabna.”
Abbootii taayitaa kana keessumaa gabaasni waaʼee sakattaʼamuu manneen Dhugaa Baatota Yihowaa 100 abbootii taayitaa Raashiyaatiin Naannoo Voorooneezitti raawwatame ibsu isaan yaaddesseera. Baahiin akka jedhanitti, “Ariʼatamni garee amantii xiqqoo kana irratti raawwatamu sadarkaa yaaddessaa irra gaʼeera.”
Ergamaa Yunaayitid Kiingidam (UK) kan taʼan Nikoolaa Muuriis yaaddoo isaanii akka itti aanutti ibsaniiru, “lakkoofsi manneen sakattaʼamanii dabaluu fi manneen hedduun al tokkotti sakattaʼamuun isaanii, Dhugaa Baatota Yihowaa irratti duulli ariʼatamaa qindaaʼe geggeeffamaa akka jiru argisiisa.” Muuriis kana malees, “Abbootiin taayitaa Raashiyaa Dhugaa Baatota kana kan ariʼatan dhaabbataadhaan sochii waaqeffannaa irratti waan hirmaataniifi” jedhaniiru.
Baahiin itti dabaluudhaan abbootiin taayitaa Voorooneez Dhugaa Baatota yakka “shira raawwachuutiin” hidhaa akka jiran saaxilaniiru. Himanni sobaa kun bifa elektirooniksiitiin odeeffannoo fi dookmantoota kaan of harkaa qabaachuu, garee qindeessuu fi walgaʼii gochuuf viidiyookonfiraansii fayyadamuu dabalatu. Baahiin himata abbootii taayitaa Raashiyaa kana, “sobaa fi qaanessaa” jedhaniiru. Dabalataanis akkas jedhaniiru: “Ani guyyaa guyyaadhaan wantoota akkasii nan raawwadha.” Kana malees, Bakka Buʼoonni Raashiyaa fagoo taaʼanii walgaʼii OSCE kana irratti hirmaachaa turanis “gocha akkasii irratti waan hirmaataniif yakkamtoota dha” jechuu dha jedhaniiru.
Ibsa tokko irratti b miseensonni biyyoota Tokkummaa Awurooppaa (EU) 27 akkas jedhaniiru: “Mana Maree Dhaabbataatti Bakka Buʼaan Raashiyaa, Dhugaa Baatonni Yihowaa ammas taʼe fuulduratti, bilisaan waaqeffachuu akka dandaʼan, akkasumas Federeeshinii Raashiyaatti bilisummaan amantii seeraan akka mirkanaaʼe, al tokkoo ol yeroo dubbatan dhageenyeerra. Taʼus, Dhugaa Baatonni Yihowaa manni isaanii akka sakkattaʼame, akka hidhamanii fi qorannoon yakkaa akka isaan irratti godhame ni dhageenya. Kun yaada Bakka Buʼaan Raashiyaa dubbatan irraa guutummaatti faallaa dha.”
Kana malees Ergamaan EU akkas jedhaniiru: “Dhugaa Baatota Yihowaa dabalatee namni hundi, mirga namummaa qabu hundumaa, jechuunis bilisummaadhaan waaqeffachuu, gurmaaʼuu fi walgaʼii gochuu, mirga dubbachuu, akkuma Heera Mootummaa Federeeshinii Raashiyaa fi waliigaltee Ruusiyaan OSCEtti gootee fi seera addunyaa eeguuf dirqama galteen loogii tokko malee fayyadamuu qaba.”
Muuriin ibsa ejjennoo Yunaayitid Kiingidam kan xumuran, Raashiyaan ariʼatama Dhugaa Baatota Yihowaa irra geessistu akka dhaabdu waamicha dhiheessuudhaani. Baahiin wantoota kana akka gootu Raashiyaa gaafataniiru: (1) qorannoo yakkaa Dhugaa Baatota Yihowaa irratti gootu akka dhaabdu, (2) waajjira muummee Dhugaa Baatota Yihowaa Raashiyaa jiruu fi fudhatte akka deebistu, akkasumas (3) Dhugaa Baatota hidhaman hunda hatattamaan akka gadhiistu.
Jaarmiyaan addunyaa ariʼatama Raashiyaan obboloota irratti raawwattu yeroo balaaleffatu kun isa jalqabaa miti. Raashiyaaf akeekkachiisni kennameera. Hawaasni addunyaa maraa ariʼatama cimaa biyyattiin obbolootaa fi obboleettota irratti geessistu sirriitti beekeera. Hunda caalaa immoo obbolootaa fi obboleettota keenya Raashiyaa jiran irra wanta gaʼaa jiru Yihowaan akka beeku shakkii hin qabnu. (Faarfannaa 37:18) Abbaan keenya inni jaalala qabeessi amanamummaa, ija jabinaa fi jabaatanii dhaabachuu isaanii eebbisuu isaa akka itti fufu shakkii hin qabnu.—Faarfannaa 37:5, 28, 34.
a Kaayyoo OSCE keessaa tokko mirga namootaa eeguu dha. OSCE keessatti Manni Maree Dhaabbataan qaama murtoo guguddaa dabarsu dha.
b Ibsi ejjennoo xumuraa hamma ammaatti intarneetii irratti hin baane. Yeroo intarneetii irratti baʼu mata duree kana irratti yaadni dabalataa ni kennama.