Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleettii Yelenaa Saavliyeevaa

ONKOLOOLESSA 28, 2021
RAASHIYAA

Barsiistuun Umurii Waggaa 80 Soorama Baate Tokko Waaʼee Kitaaba Qulqulluu Waan Dubbatteef Himatamteetti

Barsiistuun Umurii Waggaa 80 Soorama Baate Tokko Waaʼee Kitaaba Qulqulluu Waan Dubbatteef Himatamteetti

ODEEFFANNOO HAARAA | Manni Murtii Raashiyaa Ol Iyyannoo Obboleettiin Keenya Yelenaa Saavliyeevaan Dhiheessite Fudhachuu Dide

Guraandhala 14, 2022, Manni Murtii Naannoo Toomisk ol iyyannoo Obboleettiin keenya Yelenaa Saavliyeevaan dhiheessite fudhachuu dide. Taʼus yeroo kanatti mana hidhaa hin galtu.

Chaartii Yeroo

  1. Sadaasa 17, 2021

    Manni Murtii Magaalaa Seversikii inni naannoo Toomiskiitti argamu obboleettii Yelenaan yakkamtuu akka taate murteessuudhaan waggaa afur daangaa jala akka turtu adabe. Abbaan alangaa kanaan durta Yelenaa ishii umuriin ishii waggaa 80 taʼe ruublee 500,000 (doolaara Ameerikaa7,198) akka adabamtu gaafatee ture

  2. Adoolessa 22, 2021

    Manni murtii yeroo jalqabaaf dhimmicha ni ilaale

  3. Bitootessa 25, 2021

    Abbaan alangaa Raashiyaa Yelenaa irratti himata yaakkaa bane. “Yelenaan namoonni gocha jaarmiyaa finxaalessaa irratti akka hirmaatan amansiisteetti ykn jajjabeessiteetti” jedhamtee himatamte; kan himatamtes akka Seera Yakkaa Federeeshinii Raashiyaa Keeyyata 282.2 irratti ibsametti dha.

    Himanni kun kan ishii irratti dhihaate, ragaa dubartoonni Yelenaan barumsa Kitaaba Qulqulluu isaanitti himte lama kennan irratti hundaaʼee ti: dubartoota kana keessaa tokko miseensa humna nageenyaa federaalaa siʼa taatu, tokko immoo Eegduu Biyyaalessaa Raashiyaa dha. Dubartoonni kun nama Kitaaba Qulqulluu barachuuf fedhii qabu fakkaatanii, maree Yelenaa wajjin godhan waraabuudhaan waaʼee ishii fi waaʼee obbolootaa gara poolisootaatti ergu turan

Ibsa Gabaabaa

Murtoon Yelenaan ariʼatama keessatti jabaattee dhaabachuuf goote baayʼee nu jajjabeessa. Yihowaan namoota ‘diinota isaanii utuu hin sodaatin, amantii misiraachoo sanaaf wal cinaa dhaabbatanii carraaqan’ akka ilaalu mirkanaaʼoo dha.—Filiphisiyus 1:27, 28.

[Ibsa fakkii]