Dhimma ijoo ta'etti seeni

CAAMSAA 25, 2020
RAASHIYAA

Deenis Kiristeensan Inni Raashiyaatti Erga Hidhamee Amma Waggaa Sadii Taʼe Gammachuudhaan Amanamummaa Isaa Eegee Itti Fufeera

Deenis Kiristeensan Inni Raashiyaatti Erga Hidhamee Amma Waggaa Sadii Taʼe Gammachuudhaan Amanamummaa Isaa Eegee Itti Fufeera

Obboleessi Deenis Kiristeensan Raashiyaatti haqa malee erga hidhamee harʼa waggaa sadii taʼa. Caamsaa 25, 2017 erga hidhamee jalqabee, michoonni isaa tokko tokko rakkinni cimaan kun amantii isaa irratti dhiibbaa akkamii akka godhe Obboleessa Kiristeensan gaafataniiru. Deebiin isaa yeroo hunda tokko ture, innis, “Amantiin koo caalaatti cimaa taʼeera” kan jedhu dha.

Obboleessi Kiristeensan akkana jedheera: “Yaadni Yaaqoob boqonnaa 1 lakkoofsa 2 hanga 3 irratti barreeffame dhugaa taʼuu isaa hubadheera: “Yaa obboloota ko, yommuu qorumsi adda addaa isin irra gaʼu akka gammachuu guddaatti lakkaaʼaa; kana yommuu gootan amantiin keessan inni qoramee ilaalame kun jabaatanii dhaabachuu akka isiniif argamsiisu ni beektu.”

Kan nama dinqisiisu, obboleessi Kiristeensan rakkinni isa irra gaʼu ittuma caalaa kan deemee fi abdii kan nama kutachiisu taʼus, amantii fi gammachuun isaa guddachaa deemeera.

Obboleessi Kiristeensan akkuma qabameen, hamma murtiitti dhihaatutti, gamoo mana isaa isa Ooryool jirutti dhihoo taʼetti hidhame. Yeroo booda, haati manaa isaa Iriinaan akka isa gaafattu ishiidhaaf heyyamame ture. Obboleessi Kiristeensan mana hidhaa kanatti waggaa lamaaf hidhameera. Obboleessi Kiristeensan Guraandhala 2019 hidhaan waggaa jaʼaa isatti murteeffame. Ol iyyannoon inni jiʼa sadii booda dhiheesse fudhatama utuu hin argatin hafe. Yeruma sana haadha manaa isaa Iriinaa irraa fageeffamee, mana hidhaa Ooryool irraa gara kiilomeetira 200 fagaatutti geeffame.

Obboleessi Kiristeensan, yeroon inni karooraan itti gad lakkifamu erga gaʼee amma gara waggaa tokkoo taʼeera. Iyyannoo dhiheesse afur keessaa sadii fudhatama hin arganne. Obboleessi Kiristeensan sababii isa gaddisiisuu dandaʼu kun jiraatus, jabaatee itti fufeera.

Obboleessi Kiristeensan gad of qabuudhaan akkas jedheera: “Iriinaa fi ani gonka qabeeyyii taʼuu baannus, utuma qorumsi jiruu jabaannee dhaabachuu fi gammadoo taʼuu baranneerra. Wanti hunda caalaa barbaachisaa taʼe, Abbaa keenyaa fi Waaqa keenya Yihowaatti caalaatti dhihaachuu keenya dha.”

Yihowaan obboloonnii fi obboleettonni keenya jaallatamoo Raashiyaa jiran, ariʼatama isaan irra gaʼu gammachuudhaan dandamachuu akka itti fufan akka isaan gargaaru amanannaa guutuudhaan ni kadhanna. Maatewos 5:11, 12.