EBLA 12, 2021
RAASHIYAA
Dhaabbanni International Memorial Society Jedhamu Waggaa 70ffaa Dhugaa Baatonni Yihowaa Gara Saayibeeriyaatti Geeffaman Ilaalchisee Walgaʼii Qopheesse
Ebla 1, 2021, Mooskootti waggaa 70ffaa Dhugaa Baatonni Yihowaa gara Saayibeeriyaatti geeffaman ilaalchisee ibsi gaazexeessitootaaf kennamee ture. Guyyaa muraasa boodas dhaabbanni International Memorial Society jedhamu hayyoonnii fi xiinxaltoonni siyaasaa mirga namummaa Raashiyaa hedduun walgaʼii kan biraa Ebla 6, 2021 godhame irratti akka argaman afeeree ture. Walgaʼii kana irrattis Dhugaa Baatonni Yihowaa bara 1951 biyyaa akka baafaman ibsaniiru; gocha kana warri Sooviyeet Operation North jechuudhaan waamu. Dabalataanis ariʼatama Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo dheeraadhaaf Raashiyaa keessatti dandamatan irratti mariʼataniiru.
Gocha Operation North jedhamu kan qindeesse poolisoota Sooviyeet (MGB) dha. Jalqaba bara 1951 poolisoonni MGB Joseef Istaaliin isa bulchaa Tokkummaa Sooviyeet turetti gabaasa erganii turan. Gabaasichi akkana jedha: “Hojii Dhugaa Baatonni Yihowaa dhoksaadhaan hojjetanii fi mootummaa Sooviyeet wajjin wal faallessu balleessuuf poolisoonni MGB geggeessitoota Dhugaa Baatota Yihowaa qabuu dabalatee Dhugaa Baatota Yukreen, Belaarus, Moldoovaa, Laatviyaa, Lituweeniyaa fi Istooniyaatti argaman hunda gara Irkutiskii fi Toomiskiitti geessuun barbaachisaa dha.” Walumaa galatti Dhugaa Baatonni Yihowaa gara 10,000 fi maatiiwwan gara 3,000 taʼan geeffamaniiru. Seenaa Tokkummaa Sooviyeet (USSR) keessatti kun namoota sababa amantii isaaniitiin biyyaa baafaman keessaa hunda irra kan caalu dha.
Aleksaandar Guriyaanov inni walgaʼicha gaggeessaa ture jalqaba irratti akkas jedheera: ‘Ariʼatamni garee kana irra gaʼu hamma yoonaatti itti fufeera, kanaafuu harʼa waaʼee seenaa Operation North haasaʼuun keenya barbaachisaa dha.’
Paavel Poliyaan, inni hayyuu seenaa fi jiʼoograafii, akkasumas waaʼee namoota USSR keessatti dirqamaan godaananii qoratu seenaa Dhugaa Baatota Yihowaa Tokkummaa Sooviyeetii fi maaliif akka biyyaa baafaman dubbateera. Naannoo bara 1950tti poolisoonni MGB Dhugaa Baatonni Yihowaa baayʼee akka gurmaaʼan hubatan. Dabalataanis Poliyaan akkas jedheera: “[Dhugaa Baatonni Yihowaa] misiyoonota dandeettii guddaa qaban turan, mootummaan Waaqayyotti hin amanne immoo kana hin jaallatu.”
Vaalarii Borischev inni xiinxalaa mirga namummaa fi itti aanaa dura taaʼaa dhaabbata mirga namummaa Moscow Helsinki Group jedhamu taʼe, abbootiin taayitaa Sooviyeet ololaa fi malawwan kan birootti fayyadamanii Dhugaa Baatonni Yihowaa amantii isaanii akka ganan gochuuf akka yaalan ibseera. Yeroo boodas ‘namoonni dhimma amantaa irratti abbootii taayitaa mootummaa taʼan carraaqqiin godhame hundi faayidaa akka hin argamsiisnee fi akka hin hojjenne hubachuu isaanii’ obbo Borischev itti dabaluudhaan dubbataniiru. Itti fufuudhaanis “Dhugaa Baatota Yihowaa galateeffachuu qabna. Isaan Waaqa isaaniif amanamoo taʼuuf kutataniiru” jedhaniiru.
Sargee Devidis inni miseensa dhaabbata Memorial Human Rights Center Council fi itti gaafatamaa deggersa hidhamtoota siyaasaaf godhamuu taʼe waaʼee ariʼatama bara 1998 kaasee Dhugaa Baatota Yihowaa irra gaʼee fi dabalaa deemee ibseera. Waaʼee murtii Manni Murtii ol aanaa hojii Dhugaa Baatota Yihowaa dhorkuuf dabarsees ibseera. Murtiin kun kan godhame Dhugaa Baatonni Yihowaa amantaan dhugaa kan isaanii qofa akka taʼe waan dubbataniif akka taʼe ibseera. Devidis “murtiin kun guutummaatti haqa irratti akka hin hundoofnee fi namni nama amantii taʼe kam iyyuu amantaan isaa dhugaa dha jedhee akka amanu” dubbataniiru.
Yaaroslaav Sivuliskiin bakka buʼaa Waldaa Dhugaa Baatota Yihowaa Awurooppaa ti. Seenaa warri isaa Saayibeeriyaatti geeffamanii turan isatti himan dhaggeeffattootatti himeera. Haalawwan rakkisoo hedduu Dhugaa Baatonni Yihowaa yommuu Saayibeeriyaa turanitti isaan mudates dubbateera. Maatiiwwan tokko tokko yommuu Saayibeeriyaa gaʼan bosona diilallaaʼaa taʼe keessa jiraachuuf dirqamaniiru. Obboloonni keessa jiraachuuf lafa jalatti boolla qotaniiru. Hamma wanta dhaabbataa ijaarratanitti maatiiwwan isaanii jiʼoota hedduudhaaf achi keessa jiraachuu qabu turan. Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo bosona sana keessa jiraachaa turanitti yeroo baayʼee doobbii fi qola mukaa nyaatu turan. Beelaa fi dhukkubaan kan kaʼe Dhugaa Baatonni hedduun duʼaniiru.
Obboleessi Sivuliskiin sababiin Dhugaa Baatonni Yihowaa bara 1951tti biyyaa baafaman sababii yeroo ammaatti Raashiyaan isaan itti ariʼattu wajjin tokko akka taʼe dubbateera. Dhugaa Baatonni siyaasa keessa waan hin galleef abbootiin taayitaa mootummaaf ajajamuu akka hin barbaannetti yaaduudhaan dogoggoraan isaan hubataniiru. Dhugaa Baatonni abbootii taayitaa kabajuudhaan, seeraaf ajajamuu fi jabaatanii hojjechuudhaan akka beekaman garuu irraanfataniiru.
Aleksaandar Guriyaanov inni walgaʼicha geggeessu yaada xumuraa dubbate irratti waaʼee ariʼatama yeroo ammatti Raashiyaatti Dhugaa Baatota Yihowaa irra gaʼaa jiruu dubbateera. Akkas jedheera: “Mootummaan Dhugaa Baatota Yihowaa ni jibba.” Dhugaa Baatonni erga biyyaa baafamanii waggaa 70 booda ammas ariʼatamni isaan irra gaʼaa akka jiru hirmaattota hunda yaadachiisaniiru. Lammiileen biyyichaa seera kabajan heerri biyyattii kan isaaniif heyyamu taʼus waaqeffannaa isaanii irratti waan hirmaataniif qofa ammas yakkamtoota akka taʼan isaanitti murtaaʼeera.
Viidiyoon walgaʼii kanaa intarneetiidhaan argachuun kan dandaʼamu Raashiyaa keessatti qofa.