CAAMSAA 18, 2020
RAASHIYAA
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti, Gareen Tokko, Raashiyaan Dhugaa Baatota 18 Hidhuudhaan Seera Addunyaa Akka Cabsite Dubbatan
Daabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Gareen mirga namummaa tokko dookmantii fuula 15 qabuu fi Raashiyaan Caamsaa 2018 hamma Adoolessa 2019tti magaalota adda addaatti Dhugaa Baatota 18 qabdee hidhuudhaan seera addunyaa akka cabsite ibsu qopheesseera. Gareen kun Dhugaa Baatonni hamma yoonaatti mana hidhaa jiran hatattamaan gaaffii tokko malee akka gadhiifaman gaafateera.
Dookmantiin jalqabaa gareen kun mariʼatee qopheesse Caamsaa 15, 2020tti baʼee ture. Inni dhumaa immoo dhiheenyatti weebsaayitii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii irratti ni baʼa.
Gareen namoota sababii gaʼaa malee hidhaman irratti hojjetu kun, waggaa darbe obboloota keenya deeggaruudhaan yommuu murteessu kun siʼa sadaffaa dha. Dookmantii kana keessatti, gareen kun jalʼina haqaa hedduu mootummaan Raashiyaa obbolootaa fi obboleettota keenya irratti raawwate balaaleffateera.
Gareen dhimma kana irratti hojjetu kun, “poolisoonni Raashiyaa humnaan Dhugaa Baatota qabuuf sababii hin qaban” jedheera. Akkasumas, gareen kun “[Dhugaa Baatota] keessaa namni tokko iyyuu qabamuu, hidhamuu fi ammas taʼe gara fuulduraatti murtiitti dhihaachuu hin qabu” jedheera.
Gareen kun Dhugaa Baatonni gocha shororkeessummaa raawwataniiru yaada jedhu irratti walii hin galu. Kana malees, obboloonnii fi obboleettonni “amantii isaanii bilisummaadhaan geggeeffachuuf mirga argatan nagaadhaan fayyadamuun” alatti waan tokko illee akka hin raawwanne ibseera.
Dookmanticha irratti hayyoonni mirga namummaa kun, mala manni murtii dhimma obboloota keenyaa yommuu ilaalu itti fayyadame balaaleffateera. Fakkeenyaaf, obboleettonni lama murtii dura hidhamanii yeroo dhimmi isaanii ilaalamaa turetti, kutaa shiboo mana murtii jiru tokkotti akka eegaman godhamanii turan. Gareen kun akka jedhetti, seerri addunyaa namni hundi, “yakkamaa taʼuun isaa seeraan hanga mirkanaaʼutti qulqulluu akka taʼetti ilaalamuuf” mirga akka qabu ibsa. Kanaan kan kaʼes, obboleettonni keenya yeroo murtiitti dhihaatan “harki isaanii hidhamuu ykn kutaa shibootti galuu hin qaban ykn yakkamtoota hamoo akka taʼan haala argisiisuun mana murtiitti dhihaachuu hin qaban” turan.
Gareen kun Raashiyaan himata yakkaa Dhugaa Baatota 18 irratti dhiheessite hunda akka haqxuu fi akka seera addunyaatti beenyaa akka isaaniif kaffaltu gaafateeera. Kana malees, biyyattiin, “haalawwan sababii malee mirgi isaanii akka sarbamu godhan irratti qorannoo guutuu fi bilisa taʼe akka gootu” akkasumas “namoota mirgi [Dhugaa Baatotaa] akka cabu godhan irratti tarkaanfii sirrii akka fudhattu” gaafatamteetti.
Dookmantiin kun akka jedhetti, Dhugaa Baatonni 18 “Warra Raashiyaatti qabamaa, hidhamaa, akkasumas bilisummaa amantii argatan waan fayyadamaniif qofa yakkaan himatamaa jiranii fi lakkoofsi isaanii dabalaa jiru keessaa tokko dha,” waliigalteen addunyaa mirgi kun akka kabajamu kan gaafatu yoo taʼu, Raashiyaanis kana irratti waliigalteetti. Kanaafuu, dookmantiin as irratti ibsame obbolootaa fi obboleettota 18 irratti kan xiyyeeffatu taʼus, yaadni gareen dhimma kana ilaalu kenne “warra haala wal fakkaatu keessa jiran hundumaafis akka raawwatamu” ifa godheera.
Gaaffiin Gareen kun tarkaanfiin akka fudhatamu dhiheesse, obboloonnii fi obboleettonni keenya Raashiyaa jiran bilisummaa akka argatan wabii kan isaaniif taʼu miti, taʼus haalli isaa akka fooyyaʼu gochuu dandaʼa. Deebii Raashiyaan kennitu ni eegna. Taʼus, hammasitti obboloonnii fi obboleettonni keenya ija jabinaan ariʼatama yommuu dandamatanitti, Yihowaa Abbaan keenya inni jaalala qabeessi isa amanachuu isaaniitiif gammachuu fi nagaa isaaniif kennuu isaa akka itti fufu ni beekna.—Roomaa 15:13.