Dhimma ijoo ta'etti seeni

Raashiyaatti obboloota hidhaan daangaa itti murtaaʼe 80 ol keessaa sadan isaanii

ONKOLOOLESSA 14, 2021
RAASHIYAA

Dhugaa Baatota Yihowaa 80 ol Taʼanitti Hidhaan Daangaa ni Murtaaʼe—Maaltu Isaanitti Dhagaʼamaa Jira?

Dhugaa Baatota Yihowaa 80 ol Taʼanitti Hidhaan Daangaa ni Murtaaʼe—Maaltu Isaanitti Dhagaʼamaa Jira?

Ebla 2017⁠tti Raashiyaan sochii Dhugaa Baatota Yihowaa erga dhorkitee kaasee, obboloonnii fi obboleettonni 500 ol qabamanii finxaalessummaadhaan himatamaniiru. Dhugaa Baatota gara 40 taʼanitti akka hidhaman itti murtaaʼeera, obboloonni 15 maallaqaan adabamaniiru. Dhugaa Baatonni 80 ol taʼan yakkamtoota akka taʼanitti lakkaaʼamuudhaan hidhaan daangaa itti murtaaʼeera. Namoonni kun mana hidhaa kan hin galle taʼanis, murtiin kun jalʼaa fi miidhaa cimaa isaan irraan geessisa.

Akka Seera Yakkaa Raashiyaatti abbaan murtii nama tokko mana hidhaatti erguu mannaa hidhaa daangaa itti murteessuuf aangoo qaba. Murtiin akkasii yoo kenname, abbaan murtii gocha nama sanaa tokko tokko hordofuu ykn dhorkaa tokko tokko isa irra kaaʼuu ni dandaʼa. Namni sun dhorkaa sana yoo cabse abbaan murtichaa namni sun mana hidhaatti akka ergamu isa gochuu dandaʼa.

Hidhaa daangaa jala turuun miira akkamii namatti uuma? Yihowaan obboloota haala akkasii keessa jiran akkamitti gargaaraa jira? Obboloota hidhaan daangaa waggaa lamaa hanga waggaa jaʼaa itti murtaaʼe tokko tokkoof gaafannoo gooneerra. Obboloonni kun rakkina kana keessatti Yihowaan akkamitti isaan gargaaraa akka jiru dubbataniiru.

Namoota hidhaa daangaa jala jiran ilaalchisee wanti baranne kun, isaanii fi maatii isaaniif caalaatti adda baasnee akka kadhannu nu kakaasa. Muuxannoon isaanii Yihowaan kadhannaa akkasiif deebii akka kennuu fi qorumsa hundumaa keessatti iyyuu tajaajiltoota isaa amanamoo akka deggaru mirkaneessa.—2 Qorontos 1:3, 4.