Dhimma ijoo ta'etti seeni

Bitaa irraa gara mirgaatti: Aleeksii Buudanchuuk, Koonistaantiin Baazhenoov, Feeliiksi Maakhaamaadiyee, Aleeksii Miiratiskii, Roomaan Giriidaasoovii fi Genaadii Jarman qabamuu isaanii dura

GURAANDHALA 17, 2020
RAASHIYAA

Eegdonni Mana Hidhaa Ooranbargi, Raashiyaa Keessatti Obboloota Keenya Shan Reeban

Eegdonni Mana Hidhaa Ooranbargi, Raashiyaa Keessatti Obboloota Keenya Shan Reeban

Guraandhala 6, 2020⁠tti Ooranbargi, Raashiyaa keessatti eegdonni mana hidhaa Peenaal Kolonii Lakk.1 jedhamu keessatti obboloota keenya Aleeksii Buudanchuuk, Genaadii Jarman, Roomaan Giriidaasoov, Feeliiksi Maakhaamaadiyee fi Aleeksii Miiratiskii uleedhaan tuman. Obboleessi keenya Maakhaamaadiyeen garmalee reebamuu isaatiin kan kaʼe ribuun isaa waan cabeef, akkasumas sombi isaa fi kaleen isaa waan miidhameef hospitaala seeneera. Obboloonni keenya Buudanchuuk, Jarman, Giriidaasoovii fi Miiratiskiin immoo erga reebamanii booda, ragaa sobaan qophaaʼe irratti hundaaʼuudhaan mana hidhaa itti namoonni adabamanitti geeffamaniiru. Wantoota baayʼee nama suukanneessan keessaa tokko gocha Dhugaa Baatota Yihowaa biratti matumaa fudhatama hin qabneen jechuunis sigaaraa akka xuuxanitti himatamuu isaanii ti.

Akkuma kanaan dura gabaafame, Fulbaana 19, 2019⁠tti Abbaan Murtii Diimiitirii Laariin jedhamu Mana Murtii Leeniniskii Godina Saaraatov keessatti obboleessa Koonistaantiin Baazhenoov jedhamuu wajjin obboloota kana shananitti yakka mureera. Kanaan kan kaʼes waggaa lamaa hanga waggaa sadii fi walakkaatti akka hidhaman isaanitti murteeffamee ture. Muddee 20, 2019⁠tti Manni Murtii Naannoo Saaraatoov ol iyyannoo isaanii fudhatama dhabsiise. Torbanoota muraasa booda obboloonni kun jaʼan gara mana hidhaatti geeffaman. Obboleessi Baazhenoov gara Peenaal Kolonii Lakk.3⁠tti isa Naannoo Uuliyaanoviskiitti kan geeffame yeroo taʼu, Peenaal Kolonii Lakk.1 keessatti warra kaan irra yeroo miidhaan cimaan gaʼetti inni achi hin turre.

Obboloonni Guraandhala 6, 2020⁠tti akkuma Peenaal Kolonii Lakk.1 gaʼaniin ni rukutaman. Hamma guyyaa itti aanutti Obboleessi keenya Maakhaamaadiyeen hoʼi qaama isaa garmalee akka dabalee fi fincaan isaa keessatti dhiigni akka argame hubatamutti hundi isaanii iyyuu dooktaratti hin dhihaanne. Bulchitoonni mana hidhaa sanaa obboleessi Maakhaamaadiyeen mana dhiqannaa keessatti sigigaatee akka kufe akka mallatteessu erga isa dirqisiisanii booda ambulaansii waamanii gara mana yaalaatti isa geessan. Obboleessi Maakhaamaadiyeen hospitaala kan seene yeroo taʼu, walʼaansi baqaqsanii hodhuu isaaf godhameera; dhangalaʼaa keessa isaatti kuufame baasuufis tuubboon somba isaa keessa seeneera. Qorannoon yaalii fayyaa akka argisiisutti Obboleessi Maakhaamaadiyeen beelaan dararameera, sababiin isaas dhukkubni inni duraan qabu tokko nyaata adda taʼe kan gaafatu taʼus, bulchitoonni mana hidhaa kun nyaata addaa isaaf kennamu jalaa fudhataniiru.

Obboloota keenya Raashiyaa keessa jiran irra jalʼinni haqaa cimaanii fi gochi gara jabinaa gaʼaa waan jiruuf baayʼee gaddina. Taʼus, yeroo isaan amanamummaadhaan jabaatanii dhaabbatan kanatti Yihowaan isaan gargaaruu isaa akka itti fufu ni abdanna.—Filiphisiyus 1:27, 28.