Dhimma ijoo ta'etti seeni

Bitaadhaa gara mirgaa: Yuuliyaa Miiratiskaayaa, Elviiraa Giridaasovaa, Yiivgeeniyaa Laagunoovaa, Taatiyoonaa Buudanchuukii fi Naadyezhidaa Jarman Guraandhala 2020⁠tti mana hidhaa Ooranbargii alatti dhaabbatanii

WAXABAJJII 23, 2021
RAASHIYAA

Haadhotiin Manaa Obboloota Raashiyaatti Hidhamanii Yihowaatti Amanamuudhaan Rakkoo Isaan Mudate Dandamachaa Jiru

Haadhotiin Manaa Obboloota Raashiyaatti Hidhamanii Yihowaatti Amanamuudhaan Rakkoo Isaan Mudate Dandamachaa Jiru

Obboloonni keenya Raashiyaatti amantii isaaniitiin kan kaʼe hidhamanii jiran hedduun haadha manaa fi ijoollee kan qabani dha; hidhamuun isaanii isaanitti qofa utuu hin taʼin, maatii isaaniittis jireenyi ulfaataa akka taʼu godheera. Haadhotiin manaa fi ijoolleen isaanii rakkina mataa isaanii kan qaban yeroo taʼu, isaan irraa gargar baʼuun isaanii caalaatti haalli isaa akka isaanitti ulfaatu godheera. Haadhotiin manaa obboloota hidhamanii jiranii kudhan waliin taʼanii xalayaa miira isaanii ifatti ibsu abbootii taayitaa Raashiyaatiif barreessaniiru. Xalayicha irratti akkana jedhaniiru: “Xalayaa kana kan isiniif barreessine miira abdii kutannaa nutti dhagaʼame isiniif ibsuufi. Abbootiin manaa keenya baayʼee jaallannu . . . nuu, ijoollee keenyaa fi michoota keenyaa wajjin taʼanii ajajawwan Kitaaba Qulqulluu waan dubbisanii fi Waaqayyoon waan kadhataniif qofa yakkamtoota akka taʼanitti himatanii hidhamaniiru.”

Obboleettonni keenya jaallatamoon hedduun abbootiin manaa isaanii hidhamuu isaaniitiin kan kaʼe rakkoowwan akkamii isaan mudachaa akka jiranii fi Yihowaan haala isaa dandamachuuf akkamitti isaan gargaaraa akka jiru ibsaniiru.

Isaanii Wajjin Wal Arguu fi Isaan Gaafachuun Rakkisaa Isaanitti Taʼeera

Obboleettota kana keessaa baayʼeen isaanii rakkina teeknikaatiin kan kaʼe abbootii manaa isaanii bilbilaan haasofsiisuu hin dandaʼan. Xalayaawwan gara mana hidhaatti erganis taanaan utuu abbootii manaa isaanii hin gaʼin yeroo dheeraa turu; yeroo tokko tokko immoo xalayaawwan kun sirumaa isaan hin gaʼan.

Abbaan manaa obboleettii keenya Yiivgeeniyaa Laagunoovaa kan taʼe Feeliksi Maakhaamaadiyeev erga hidhamee waggaa lamaa ol taʼeera. Yeroo tokko tokko immoo, yeroo dheeraadhaaf xalayaan isaa utuu ishii hin gaʼin tura. Xalayaan ishiin ergitu isa gaʼuu dhiisuu waan dandaʼuuf, ‘Haalli fayyaa isaa akkami? Akkasumas akka irraanfatame itti dhagaʼameeraa laata?’ jettee baayʼee akka yaaddoftu dubbatteetti.

Obboleettonni baayʼeen abbootii manaa isaanii gaafachuuf karaa dheeraa deemu. (Chaartii, “Fageenya Haadhotiin Manaa Abbootii Manaa Isaanii Gaafachuuf Imalan” jedhu ilaali.) Fakkeenyaaf, Yiivgeeniyaan, “Mana hidhaa dhaqee abbaa manaa koo gaafachuuf konkolaataadhaan kiilomeetira 800 oliin deema” jetteetti. Abbaa manaa ishii gaafachuuf dhaqaa gala guyyaa sadii hanga afurii ishiitti fudhata. Obboleettonni kaan immoo hanga kiilomeetira 1,000 konkolaataa oofanii dhaqu. Obboleettonni kun mana hidhaa erga gaʼanii booda, yeroo baayʼee alatti hiriira dheeraa hiriiranii eeguun isaan barbaachisa.

Bara 2017⁠tti hojii keenya irratti Raashiyaa keessatti dhorkaan erga godhamee booda Dhugaa Baatuun Yihowaa jalqaba hidhame abbaa manaa obboleettii keenya Iriinaa Kiristeensan kan taʼe Deenisii dha. Yeroo baayʼee mana ishii Oryoolitti argamu irraa kaatee mana hidhaa Liigovitti argamu dhaqxee Deenisiin gaafachuuf kiilomeetira 200 imalti. Akkana jetteetti: “Mana hidhaa dhaquun karaa qaamaas taʼe karaa miiraa anaaf baayʼee ulfaataa dha. Dookmantiiwwan barbaachisoo taʼan dhiheessuu akkan dandaʼuuf, ganama saʼaatii 2:00⁠tti mana hidhaa gaʼuuf, halkan keessaa saʼaatii 9:30⁠ttin manaa baʼa. Gaafachuun kan dandaʼamu saʼaatii 5:00 kaasee waan taʼeef, hanga saʼaatiin isaa gaʼutti konkolaataa koo keessa taaʼee eega.” Iriinaan haala isaa dandamachuu kan dandeesse akkamitti akka taʼe yeroo gaafatamtu, “Yihowaa cimseen kadhadha; ana, obbolootaa fi obboleettota naannoo koos taʼe mana hidhaa jiran, akkasumas addunyaa maratti argaman hundumaa akka gargaaru nan kadhadha” jetteetti.

Kophummaan Isaanitti Dhagaʼama

Obboleettiin keenya Naadyezhidaa Jarman abbaa manaa ishii Genaadii irraa erga adda baatee waggaa lamaa ol taʼeera. Akkuma haadhotii manaa haala ishii keessa jiran kaanii, abbaa manaa ishii irraa adda baʼuun ishii kophummaan akka ishiitti dhagaʼamu godheera. Haa taʼu malee Naadyezhidaan, “Obboloonnii fi obboleettonni gumii kootii caalaatti maatii naa taʼaniiru. Anaa fi abbaa manaa koo garaadhaa akka jaallatanii fi baayʼee akka nuuf yaadan ifatti mulʼata” jetteetti.

Abbaa manaa obboleettii keenya Yuuliyaa Miiratiskaayaa kan taʼe Aleeksiin mana hidhaa Genaadiin jiru keessa jira; akkana jetteetti: “Obboloonnii fi obboleettonni hojii mana keessaa na gargaaru. Gargaarsa obboloota kanaatti amanamuu akkan dandaʼu beekuun koo baayʼee na jajjabeessa.”

Ijoollee Kophaa Guddisuun Ulfaataa Dha

Obboleettiin keenya Taatiyoonaa Buudanchuuk abbaan manaa ishii Aleeksiin Fulbaana 2019⁠tti erga hidhamee kaasee ijoollee ishii lamaan kophaa guddisaa jirti. Akkana jetteetti: “Ijoolleen keenya eebbawwan arganne irratti, jechuunis wanta Yihowaan nuuf kennee fi yeroo hundumaa kan nu deggeru taʼuu isaa irratti xiyyeeffachuuf yaalu. Rakkinni amma nu irra gaʼaa jiru kan itti fufu yeroo muraasaaf akka taʼe, akkasumas yeroon Yihowaatti akka amanamnuu fi isaaf amanamoo akka taanu itti argisiisnu amma akka taʼe beeku.”

Abbaa manaa obboleettii keenya Naataaliyaa Filaatoov kan taʼe Sargee Filaatoov Bitootessa 2020⁠tti hidhaan waggaa jaʼaa itti murteeffameera; kanaafuu, yeroo ammaatti ijoollee isaanii arfan kophaa ishii guddisaa jirti. Isaaniin ilaalchisee akkana jetteetti: “Abbaa isaanii baayʼee yaadaniiru, nageenyi isaas baayʼee isaan yaaddessa. Kadhannaa isaanii irratti kana ibsu. Intalli koo ishii quxusuun xalayaa ishii irratti nuti nagaa akka taanee fi inni waaʼee keenya yaaddaʼuu akka hin qabne ibsiti. Taʼus, yeroo inni deebiʼee maatichaa wajjin taʼu baayʼee hawwina.”

Maatichi gorsa Kitaaba Qulqulluu wanta qabanitti gammadanii akka jiraannu ibsu hojii irra oolchuuf carraaqqii godhu. Naataaliyaan, “Maallaqa keenyatti qusannaadhaan fayyadamuu fi wantoota nu hin barbaachisne bitachuu dhiisuu barreerra. Maallaqa gaʼaa wantoota jireenyaaf nu barbaachisan ittiin bitannu qabna” jetteetti.

Amantiin Isaanii Cimee Itti Fufeera

Obboleettonni keenya rakkoowwan kanneenii wajjin walʼaansoo gochaa kan jiran taʼus, barsiifata hafuuraa gaarii waan qabaniif amantiin isaanii akkuma cimetti itti fufeera. Yuuliyaan, “Wantoota nuuf baʼan hundumaa hordofuuf nan yaala. Yeroon qoʼadhu nama lamaafan qoʼadha jechuu nan dandaʼa; sababiin isaas, yeroo Aleeksii wajjin haasofnu yaadawwan ijoo taʼan yaadachuudhaan isatti himuufan yaala” jetteetti. Naadyezhidaan, “Rakkinni gargaarsa Yihowaatiin furamuu hin dandeenye hin jiru! Yihowaa wajjin michummaa cimaan qaba. Intala xinnoo irree Abbaa ishii hundumaa dandaʼuu keessa jirtu akkan taʼe natti dhagaʼama! Warra kaan gargaaruun koos of gargaaruuf na dandeessiseera” jetteetti.

Naataaliyaanis haaluma wal fakkaatuun akkana jetteetti: “Wanta obboleettiin takka jette nan yaadadha; ‘Saba Waaqayyo gidduudhaa namni jajjabinni isa hin barbaachisne hin jiru; taʼus saba isaa keessaa namni warra kaan jajjabeessuu hin dandeenyes hin jiru’ jettee turte. Anis nama tokko yeroon jajjabeessu baayʼeen gammada.” Naataaliyaan itti fufuudhaan, “Abbaa manaa koo irraa adda baʼee kophaa jiraachuun koo karaa miiraas taʼe karaa qaamaa haalli isaa baayʼee akka natti ulfaatu kan godhu taʼus, ofiif gadduu irraas taʼe garmalee dhiphachuu irraa of eeguufan yaala. Seexanni akka abdii na kutachiisu carraa isaaf hin kennu!” jetteetti.

Obboloonni addunyaa maratti argaman ejjennoo cimaa fi amanamummaa Kiristiyaanonni Raashiyaattis taʼe biyyoota kan birootti miseensonni maatii isaanii jalaa hidhaman argisiisan baayʼee dinqisiifatu. Yihowaan Kiristiyaanota dhugumaan ‘isa duratti bakka guddaa qaban’ kana akka waan gatii guddaa qabutti akka ilaalu beekna.—Isaayyaas 43:4a.