Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessi keenya Deenis Kiristeensan bara 2018⁠tti kutaa mana hidhaa keessa utuu jiruu

ADOOLESSA 8, 2020
RAASHIYAA

Himata Sobaa Isa Irratti Dhihaateen Kan Kaʼe “Adabni” Obboleessa Keenya Kiristeensan Irratti Dabarfame Guyyaa Shaniif Akka Turu Itti Murteeffame

Himata Sobaa Isa Irratti Dhihaateen Kan Kaʼe “Adabni” Obboleessa Keenya Kiristeensan Irratti Dabarfame Guyyaa Shaniif Akka Turu Itti Murteeffame

Obboleessi keenya Deenis Kiristeensan Adoolessa 6, 2020⁠tti kutaa adabni addaa itti kennamu a keessaa ni baʼa jedhamee ture. Haa taʼu malee guyyaa sanatti manni hidhaa Leegoov himata sobaa barfachuu dabalatee seerawwan mana hidhaa sanaa kan biroos cabseeraa jechuudhaan dhihaateen kan kaʼe guyyaa dabalata shan akka turu itti murteeffameera.

Obboleessi keenya Kiristeensan abbootiin taayitaa sun dafee akka hin gadhiifamneef akka soban abukaatoo isaatti himeera. Obboleessi keenya Kiristeensan waggaa tokko dura waggoota jaʼa itti murteeffame keessaa waggoota dursee gadhiifamuuf isa dandeessu hidhamee ture. Yeroo arfaffaadhaaf ol iyyannoo kan galfate taʼus manni turtii Leegoov fi abbootiin taayitaa mana hidhaa sanaa himanni isaa fudhata akka hin arganne godhaniiru.

Abbootiin taayitaa Raashiyaa obboloota keenya Raashiyaa jiranitti soba kan dhooban taʼus, Yihowaan nagaa akka isaaniif kennuu fi ‘akkuma gaachana guddaattis gaarummaadhaan isaanitti akka marsu’ ni beekna.—Faarfannaa 5:12; 119:69.

a Manni murtii Obboleessi keenya Kiristeensan dursee akka baʼu erga murteessee yeroo muraasa booda, qaamni murtoo dabarse ol iyyannoo waan dhiheesseef, kutaa adabni addaa itti kennamu (EPKT) keessatti hidhameera, yeroo baayʼee kutaa kana keessatti namoota yakka cimaa raawwatantu hidhama. Kutaan adabni addaa itti kennamu (EPKT) kun iddoo adabbii SHIZO jedhamuu fi namoonni yakka cimaa hin taane raawwataman keessatti hidhaman wajjin gamoo tokko keessatti argama. Haa taʼu malee, amma iddoo SHIZO jedhamu keessa akka jiru beekameera.