Dhimma ijoo ta'etti seeni

Bitaa gara mirgaatti: Obboleessa keenya Andiree Andireev, obboleessa keenya Archoom Bagataayaanii fi haadha manaa isaa Aliivtiinaa, akkasumas obboleessa keenya Andiree Riishikoov

BITOOTESSA 16, 2021
RAASHIYAA

Hiriyoonni Gaaʼelaa Tokkoo fi Obboloonni Sadii Warri Naannoo Kuursik Jiraatan Sababa Amantii Isaaniitiin Mana Hidhaa Galuu Dandaʼu

Hiriyoonni Gaaʼelaa Tokkoo fi Obboloonni Sadii Warri Naannoo Kuursik Jiraatan Sababa Amantii Isaaniitiin Mana Hidhaa Galuu Dandaʼu

ODEEFFANNOO HAARAA | Manni Murtii Raashiyaa Ol Iyyannoo Dhugaa Baatonni Shan Dhiheessan Fudhachuu Dide

Amajjii 20, 2022, Manni Murtii Naannoo Kuursik ol iyyannoo Obboleessi Andiree Andireev, Andiree Riishikoov, Aleeksaandar Vospitaanyukii fi Obboleessi Archoom Bagataayaanii fi haati manaa isaa Aliivtiinaan dhiheessan fudhachuu dide. Murtiin isaanitti murtaaʼe akkuma jirutti itti fufa.

Waxabajjii 3, 2021, Manni Murtii Koonyaa Indaastiryaal inni Kuursikitti argamuu Hiriyoonni Gaaʼelaa Tokkoo fi Obboloonni Sadii yakkamtoota akka taʼan murteesse. Obboleessi Andireev hidhaa waggaa afurii fi walakkaa, Obboleessi Riishikoov immoo hidhaa waggaa sadiitu itti murtaaʼe. Obboleessi Archoom Bagataayaan hidhaa waggaa lamaa fi walakkaa haati manaa isaa Aliivtiinaatti immoo hidhaa waggaa lamaatu itti murtaaʼe. Obboleessi Aleeksaandar Vospitaanyuk inni himanni isaa kan isaaniitti dabalame waggaa lamaaf daangaa jala akka turu itti murtaaʼe.

Ibsa Gabaabaa

Andiree Andireev

  • Bara Dhalootaa: 1976 (Kuursik)

  • Seenaa Jireenyaa: Bara 1999​tti Setlaanaa fuudhe. Ijoollee durbaa lama qabu. Raawwii raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu waan hubateef Kitaaba Qulqulluu barachuuf fedhii horate. Achiis bara 2002​tti cuuphame.

Aliivtiinaa Bagataayaan

  • Bara Dhalootaa: 1977 (Kuursik)

  • Seenaa Jireenyaa: Yeroo ijoollee turtetti artii jaallatti turte. Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kan jalqabde ijoollummaa ishiitti ture. Achiis bara 1997​tti cuuphamte. Bara 2012​tti immoo Archoom wajjin gaaʼela dhaabbatan. Haadha ishii utuma waldhaantuu hojii mana rifeensaa hojjetti.

Archoom Bagataayaan

  • Bara Dhalootaa: 1972 (Abooviyaan, Armeeniyaa)

  • Seenaa Jireenyaa: Armeeniyaa irraa gara Raashiyaatti godaane. Achiis Aliivtiinaa wajjin Karaaskitti wal baran. Hiriyoonni gaaʼelaa kun uumama daawwachuun isaan gammachiisa. Bara 2000​tti cuuphame.

Andiree Riishikoov

  • Bara Dhalootaa: 1987 (Kuursik)

  • Seenaa Jireenyaa: Abbaan isaa kan jalaa duʼe ijoollummaa isaatti. Haati isaa hojii lama waan hojjettuuf yeroo baayʼee akaakayyuu isaa wajjin oola ture. Erga wantoota yeroo dheeraadhaaf gaaffii isatti taʼaniif deebii argatee booda Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf fedhii horate. Achiis bara 2011​tti cuuphame. Bara 2016​tti immoo Mariinaa wajjin gaaʼela dhaabbatan. Kana dura hojiin isaa manneen jireenyaa suphuu ture.

Himata

Tajaajilli Nageenyaa Federaalaa (FSB) Onkoloolessa 16, 2019​tti manneen Dhugaa Baatota Yihowaa Karaaski keessa jiran hedduu sakattaʼeera; akkasumas obboloota hedduu qorateera. Achii obboleessa keenya Andiree Andireevii fi Archoom Bagataayaan, akkasumas haadha manaa isaa hidhan. Amajjii 21, 2020​tti obboleessa keenya Andiree Riishikoov ni hidhan. Obboleettiin keenya Aliivtiinaa Bagataayaan immoo jiʼoota 13 bakka turmaataa keessa erga turtee booda Mudde 17, 2020​tti gadhiifamteetti. Amma mana ishii keessatti hidhamtee jirti. Obboloonni sadan hafan garuu amma iyyuu mana hidhaa jiru.

Archoom Bagataayaan dhukkuba sukkaaraa qaba. Aliivtiinaan wanta yeroo ishii fi abbaan manaa ishii kutaa garaa garaa keessatti hidhamanitti taʼe akkana jechuudhaan dubbatteetti: “Yeroo dheeraadhaaf haala keessa turee fi fayyummaa isaa beekuu hin dandeenye. Baayʼee isa yaadeen ture.”

Aliivtiinaan yeroo ishiinii fi obboloonni kaan mana hidhaa keessa turanitti gargaarsa Yihowaatti amanuu ishii akka itti fufte dubbatteetti. Akkana jetteetti: “Yihowaan yeroo hunda akkan jabaadhu na gargaaraa ture. Akkas gochuu isaa akka itti fufus beeka. Matumaa isa hin shakku.”

Hanga obboloota sadii fi obboleettii keenyaaf murtiin kennamutti Yihowaan masaraa cimaa isaaniif taʼuu isaa akka itti fufu ni amanna.—Fakkeenya 18:10.