Dhimma ijoo ta'etti seeni

Gamoo Mana Murtii Ol Aanaa Raashiyaa

SADAASA 25, 2021
RAASHIYAA

Ibsa Ejjennoo Mana Murtii Ol Aanaa Raashiyaa—Dhugaa Baatota Yihowaaf Hiika Maalii Qaba?

Ibsa Ejjennoo Mana Murtii Ol Aanaa Raashiyaa—Dhugaa Baatota Yihowaaf Hiika Maalii Qaba?

Onkoloolessa 28, 2021 Manni Murtii Ol Aanaa Raashiyaa gocha finxaalessummaa ilaalchisee ibsa ejjennoo fooyyaʼe baaseera. Akka fooyyaʼiinsi godhame kun jedhutti namni dhuunfaatti ykn gareedhaan waaqeffatu kam iyyuu gocha jaarmiyaa amantii dhorkame tokkoo irratti akka hirmaatetti hin ilaalamu. Haa taʼu malee, ibsi ejjennoo Mana Murtii Ol Aanaa kun hamma ammaatti ariʼatama bifa gurmaaʼeen Dhugaa Baatota Yihowaa irra gaʼu hin dhaabsisne; sababiin isaas aangawoonni Raashiyaa fooyyaʼiinsa godhame kana karaa kan biraatiin cabsaa jiru.

Fakkeenyaaf, fooyyaʼiinsi kun Onkoloolessa 28⁠tti erga godhamee booda, aangawoonni yoo xinnaate manneen Dhugaa Baatota 13 weeraraniiru, ol iyyannoo Obboleettii Irinaa Lookveetsikeeyaa fudhachuu didaniiru, akkasumas obboleettii Yelena Savelyeva ishii umuriin ishii waggaa 80 taʼe irratti himata yakkaa dhiheessaniiru. Faallaa kanaatiin Sadaasa 22, 2021 manni murtii Vilaadivoostoki obboleessi Dimitrii Baarmakiin yakkamaa akka hin taane murteessuudhaan himata isa irraatti dhihaate hunda haqeera.

Fooyyaʼiinsi kun ariʼatamni gaʼaa jiru akka salphatu kan godhu, tarii immoo hidhaa cimaan akka gaʼu kan godhu taʼuu isaa ilaalchisee wanta beeknu hin qabnu. Haalli isaa maal iyyuu yoo taʼe, hanga Yihowaan fayyina dhugaa fi itti fufiinsa qabu fidutti Yihowaan obbolootaa fi obboleettota keenya gargaaru isa akka itti fufu guutumaatti ni amanna.—Faarfannaa 146:3-5.