Dhimma ijoo ta'etti seeni

Bitaadhaa gara mirgaatti, toora olii: Aliiksiyaa Antuukiin, Sargee Baayeev, Yuurii Gaalkaa, Vaalerii Guruskii fi Viitaalii Neruush. Toora gadii: Iigoor Pooppoov, Yevgiyeenee Sookooloov, Mikaaʼel Viisiiloovii fi Anaatolii Yaaguupoov

FULBAANA 20, 2022
RAASHIYAA

Jabaatanii Dhaabbachuun Buʼaa Gaarii Argamsiisa

Jabaatanii Dhaabbachuun Buʼaa Gaarii Argamsiisa

Mannii Murtii Goodina Liivoobaryezyinii Magaala Voroneezyii dhimma obboloota keenya Aliiksiyaa Antuukiin, Sargee Baayeev, Yuurii Gaalkaa, Vaalerii Guruskii, Iigoor Pooppoov, Viitaalii Neruush, Isteepan Paankiraatoov, a Yevgiyeenee Sookooloov, Mikaaʼel Viisiiloovii fi Anaatolii Yaaguupoov irratti dhiheenyatti murtii ni kenna. Murtii obboloota kanarratti akka murtaaʼu barbaadu ilaalchisee abbaan alangaa hanga ammaatti homaa hin dubbanne.

Chaartii Yeroo

  1. Adoolessa 13, 2020

    Voroneezyii fi naannoosaatti manni Dhugaa Baatota Yihowaa 100 ol taʼu sakattaʼameera. Obboloonnii fi obboleettonni 40 ol taʼan qorannaadhaaf fudhatamaniiru. Obboloonni kurnan olitti caqasaman waajjira poolisiitti hidhamaniiru

  2. Adoolessa 14-15, 2020

    Obboloonni kurnan waajjira poolisiitti hidhaman

  3. Hagayya 3–Fulbaana 18, 2020

    Obboleessi Baayeev, Paankiraatoov, Pooppoovii fi Yaaguupoov waajjira poolisiitii gadhiifamanii manaa baʼanii akka hin deemne dhorkaan irra kaaʼame

  4. Muddee 1-3, 2020

    Obboleessi Antuukiin, Gaalkaa, Guruskii, Neruush, Sookooloovii fi Viisiiloov waajjira poolisiitii gadhiifaman. Dhorkaan Obboleessa Baayeev, Paankiraatoov, Pooppoovii fi Yaaguupoov irra kaaʼamee turemmoo ni kaʼeef

  5. Muddee 13, 2021

    Dhimmisaanii ilaalamuu eegale

Ibsa Gabaabaa

Obboloonni keenya Raashiyaa keessatti argaman Yihowaatti amanamuusaanii itti fufuunsaanii, jabaatanii dhaabbachuuf akka isaan gargaare arguun keenya nu jajjabeessa.—Yaaqoob 1:4.

a b Suuraa obboleessa keenya Paankiraatoov argachuu hin dandeenye.