CAAMSAA 3, 2022
RAASHIYAA
Kadhannaa Irraa Jabina Argataniiru
Manni Murtii Godinaa Votkiinsiki Rippablika Udmuurtiyaan himata obboloota keenya Sargee Gabozeevii fi Mikaahel Pattaapov irratti dhihaate irratti dhiheenyatti murtii kenna. Abbaan alangaa adaba akka isatti murtaaʼu barbaadu hanga ammaatti hin ibsine
Chaartii Yeroo
Amajjii 20, 2021
Himanni yakkaa Sargee fi Mikaahel irratti kan baname hojii jaarmiyaa mankaraarsaa taʼee waan gurmeessaniif jedhamaniiiti.
Amajjii 21, 2021
Manni Sargee ni sakattaʼame. Abbootiin taayitaa miʼawwan dhuunfaa isaanii, kanneen akka heyyama konkolaachisaa, faayila konkolaataa, meeshaalee elektironikii, albamii suuraa fi hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu adda addaa jalaa fudhataniiru. Abbootiin taayitaa Mikaahel qabanii mana isaa sakattan
Amajjii 22, 2021
Sargeen mana isaatii akka hin baane dhorkame. Mikaahel immoo mana hidhaa hanga murtiin kennamutti itti tursiisanitti dabarfame
Caamsaa 18, 2021
Sargeen mana isaatii baʼuun kan isaaf heyyamame taʼus biyya biraatti imaluu hin dandaʼu
Caamsaa 19, 2021
Mikaahel mana hidhaa hanga murtiin kennamutti itti tursiisiifamanii kan gadhiifame taʼus biyya biraatti imaluu hin dandaʼu
Onkoloolessa 7, 2021
Himanni isa irratti dhihaachuu geegale
Ibsa Gabaabaa
Yihowaan obboloota keenya Sargee fi Mikaahel qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu fi kadhannaadhaan amantii isaanii cimsatachuuf hamma isaaniif dandaʼame akka carraaqan gargaaruu isaa akka itti fufu amanannaa guddaa qabna.—Qolosaayis 2:6, 7.