Dhimma ijoo ta'etti seeni

Bitaatii gara mirgaatti: Obboleessa keenya Aleeksii Oreeshkoov, Aleeksaandar Rookoviskii fi Aleeksaandar Vaavilov

ADOOLESSA 2, 2021
RAASHIYAA

Kadhannaa fi Raajiiwwan Raawwataman Obboloonni Sadii Ariʼatama Akka Dandamatan Isaan Gargaaraniiru

Kadhannaa fi Raajiiwwan Raawwataman Obboloonni Sadii Ariʼatama Akka Dandamatan Isaan Gargaaraniiru

ODEEFFANNOO HAARAA | Manni Murtii Raashiyaa Ol Iyyannoo Fudhachuu Dide

Amajjii 14, 2022, Manni Murtii Naannoo Niizynii Noovgarad ol iyyannoo Obboloonni keenya Aleeksi Oreeshkoov, Aleeksaandar Rookoviskii fi Aleeksaandar Vaavilov dhiheessan fudhachuu dide. Yeroo ammaatti garuu mana hidhaa hin galan.

Onkoloolessa 25, 2021 Manni Murtii Magaalaa Paavloovoo inni Naannoo Niizynii Noovgaraditti argamu Obboloonni keenya Oreeshkoov, Rookoviskii fi Vaavilov yakkamtoota jedhee itti murteesseera. Tokkoon tokkoon isaaniitti hidhaan daangaa waggaa sadii murtaaʼeera.

Ibsa Gabaabaa

Aleeksi Oreeshkoov

  • Bara Dhalootaa: 1971 (Paavloovoo, Naannoo Niizynii Noovgarad)

  • Seenaa Jireenyaa: Yeroo ijoollee turetti teenisii taphachuu jaallata ture. Yunivarsiitii muuziqaatii kan eebbifame dha, adda durummaadhaan kan barate meeshaalee sagalee hafuuraan taphatamani dha. Amma soorama baʼeera. Waggoota hedduudhaan haadha isaa ishii maanguddoo taate kunuunsaa jira. Bara 2011​tti Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼee cuuphame

Aleeksaandar Rookoviskii

  • Bara Dhalootaa: 1980 (Paavloovoo, Naannoo Niizynii Noovgarad)

  • Seenaa Jireenyaa: Yeroo ijoollee turetti gitaara taphachuu kan barate siʼa taʼu baandii wajjin muuziqaa taphata ture. Teknoolojii Intarneetii wajjin haala wal qabateen hojjeta. Haadha manaa isaa Taatyoonaa kan fuudhe bara 2005​tti dha. Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin qoʼannaa kan jalqaban abdii Kitaabni Qulqulluun yeroo gara fuulduraa ilaalchisee kennu erga beekanii booda dha. Achiis bara 2009​tti cuuphaman. Ilma tokkoo fi intala tokko qabu

Aleeksaandar Vaavilov

  • Bara Dhalootaa: 1967 (Kiroopootkiin, Naannoo Kiraasnadaar)

  • Seenaa Jireenyaa: Yeroo ijoollee turetti fiigicha, bishaan daakuu, cabbii irra sigigaachuu fi fakkii kaasuun isa gammachiisa ture. Loltuu taʼees tajaajileera. Dorgomaa buunyaa beekamaa taʼuufis leenjiʼeera. Yeroo booda ispoortii hammina wajjin wal qabatu irratti hirmaachuu dhiisee hojii rifeensa sirreessuu irratti hirmaachuu jalqabe. Innii fi haati manaa isaa Yiilyeenaan Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqaban. Gaaʼela kan godhatan bara 1994​tti dha, kan cuuphaman immoo bara 1995​tti dha. Manaa alatti yeroo dabarsuun isaan gammachiisa

Himata

Adoolessa 16 and 17, 2019, Poolisoonni Fedaraalaa (FSB) manneen Dhugaa Baatota Yihowaa Naannoo Niizynii Noovgarad humnaan sakattaʼan. Kanaan kan kaʼes, Aleeksi Oreeshkoovii fi Aleeksaandar Vaavilov qorannoodhaaf dhihaatan, yeroo boodas mana hidhaa hamma murtiitti dhihaatanitti keessatti hidhaman keessan galchaman. Aleeksi guyyoota 211 bakka kana ture, achiis guyyoota 31 mana isaa keessaa akka hin baane dhorkame. Aleeksaandar mana hidhaa hamma murtiitti dhihaatanitti keessatti hidhaman keessa guyyoota 241 tureera.

Aleeksi Mana hidhaa hamma murtiitti dhihaatanitti keessatti hidhaman keessa yeroo turetti, isa kanaan duraa caalaa yeroo baayʼee kadhannaa dhiheessa ture. Ganama yeroo kaʼu hundatti rakkoowwan isa mudachuuf jiraniif ilaalcha sirrii qabaachuuf, amanamaa taʼuuf, Yihowaa fi Dubbii isaa yaaduu isaa itti fufuuf kadhannaa dhiheessa. Kana malees akkana jedheera: “Galgala immoo kadhannaan koo dheeraa fi hiika guddaa kan qabu ture, akkasumas maqaa obboloota hundaa dhaʼuuf yaaliin godha ture. namoota mana hidhaa sana keessa jiraniif, namoota kutaa ani itti hidhame keessa jiraniif, poolisii isa qoratuuf, maatii kootiif, gumii kootiifi jaarmiyaa Yihowaatiif nan kadhadha.”

Aleeksaandar Vaavilov akkana jedheera: “Yihowaan yeroo kam iyyuu caalaa natti dhihateera. Harka koo qabee na geggeessaa akka jiru qofa utuu hin taʼin akkuma tiksee hoolota isaa warra xixinnoo taʼan kaasuu isaatti baatuu akka na baate natti dhagaʼama. Kunuunsi inni anaaf godhu guyyuma guyyaan caalaatti ifa taʼaa dhufeera.”

Fulbaana 21, 2020, Aleeksaandar Rookoviskiin obboleessa keenya Oreeshkoovii fi obboleessa keenya Vaavilov wajjin yakkaan himatame. Obboloonni sadan kun kan himataman wantoota kan biraa dabalatee walgaʼiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa irratti waan argamanifi. Imala akka hin goones dhorkamaniiru.

Aleeksaandar Rookoviskiin raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu irratti keessumaa immoo raajii waaʼee mootii kaabaa ilaalchisee dubbatame irratti xiinxaluun isaa jabaatee dhaabbachuuf isa gargaareera. Akkana jedheera: “Wantoota nama gaddisiisan irratti xiyyeeffachuu mannaa, raajiiwwan ariʼatamaa ilaalchisee dubbatamaniifi raawwii isaanii argachaa jiran irratti xiyyeeffachuuf na gargaareera. Kana malees waadaa Yihowaan haalawwan akkasii keesatti akka nu deggeru kenne irratti caalaatti xiyyeeffachuuf na gargaareera.”

Obboloonni sadan kun amantiin isaanii inni cimaan qorumsa kana akka dandamatan yeroo isaan gargaarutti ilaalcha sirrii qabaachuu isaanii akka itti fufan amanannaa guutuu qabna are.—Filiphisiyus 1:29.