Dhimma ijoo ta'etti seeni

Bitaatii gara mirgaatti: Obboleettota keenya Taatyaanaa Boondaarenkoo, Taatyaanaa Sivooboodaa fi Yeeleenaa Neesteroovaa

ADOOLESSA 10, 2023
RAASHIYAA

Koomsoomooliski Naa Aamuuritti Obboleettota Keenya Sadiitti ni Murteeffame

Koomsoomooliski Naa Aamuuritti Obboleettota Keenya Sadiitti ni Murteeffame

Bitootessa 23, 2023, Manni Murtii Koonyaa Koomsoomooliski Naa Aamuurii obboleettota keenya Taatyaanaa Boondaarenkoo, Yeeleenaa Neesteroovaa fi Taatyaanaa Sivoobooda irratti yakkamtoota akka taʼan murteesse. Sadan isaanii irratti iyyuu hidhaa daangaa waggaa shanii isaanitti murteeffameera. Yeroo ammaatti mana hidhaa galuun isaan hin barbaachisu.

Ibsa Gabaabaa

Yihowaan obboleettota keenya rakkina dandamatanii amanamoo taʼaan kana eebbisuu isaa fi isaan cimsuu isaa akka itti fufu ni kadhanna.—Ruut 2:12.

Chaartii Yeroo

  1. Fulbaana 21, 2021

    Himanni yakkaa Taatyaanaa Sivooboodaa irratti ni baname

  2. Onkoloolessa 18, 2021

    Poolisoonni Taatyaanaa Boondaarenkoo fi Yeeleenaa Neesteroovaa irrattis qorannaa geggeessuu jalqaban

  3. Onkoloolessa 20, 2021

    Manni isaanii ni sakattaʼame

  4. Hagayya 28, 2022

    Himanni isaani irratti baname

  5. Muddee 28, 2022

    Himanni yakkaa ilaalamuu jalqabe

  6. Bitootessa 23, 2023

    Yakkamtoota akka taʼan itti murteeffamee, hidhaan daangaa waggaa shanii isaanitti murteeffame