Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleettii keenya Ayiriinaa Ziiniinoo

HAGAYYA 12, 2024
RAASHIYAA

“Kophummaan Natti hin Dhagaʼamu”

“Kophummaan Natti hin Dhagaʼamu”

Manni Murtii Koonyaa Vaayiselkooviskii Naannoo Kiraasnoodaar dhimma obboleettii keenya Ayiriinaa Ziiniinoo irratti murtii dabarsa jedhamee eegama. Abbaan alangaa murtoo akkamii akka ishiirratti dabarsu ammayyuu hin beeksisne.

Ibsa Gabaabaa

Yihowaan fakkeenya isaa hordofuu fi ‘wal jaallachuu keenya itti fufuuf’ carraaqqii yommuu goonu, akkuma Ayiriinaa cimsee hunda keenya cimsuu isaa akka itti fufu amanannaa guutuu qabna.—1 Yohaannis 4:7.

Chaartii Yeroo

  1. Guraandhala 13, 2022

    Manni Ayiriinaan haadha ishii fi abbaa ishii wajjin keessa jiraattu ni sakattaʼame

  2. Caamsaa 23, 2023

    Himanni yakkaa ishii irratti baname. Waaʼee amantii ishii waan dubbatteef, sochii jaarmiyaa finxaalessaa taʼe irratti hirmaatteetta jedhamtee himatamte

  3. Adoolessa 22, 2023

    Akka hin imalle dhorkamte

  4. Guraandhala 8, 2024

    Himanni yakkaa ishii irratti dhihaate ilaalamuu jalqabe