Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obbolootaa fi obboleettota Raashiyaa umurii waggaa 60 olii sababa amantii isaaniif yakki itti murtaaʼe

HAGAYYA 2, 2021
RAASHIYAA

Maanguddoota Amanamoo Yakki Isaanitti Murtaaʼu Iyyuu Gammadoo Taʼan

Maanguddoota Amanamoo Yakki Isaanitti Murtaaʼu Iyyuu Gammadoo Taʼan

Raashiyaatti dhaabileen Dhugaa Baatota Yihowaa beekamtii seeraa qaban, bara 2017⁠tti erga dhorkamanii eegalee, aangawoonni biyyatti dargaggeessa umurii 18 irraa kaasee hanga maanguddoo umurii 89⁠tti obbolootaa fi obboleettota biyyicha keessa jiran irra ariʼatama geessisaa jiru. Hanga Adoolessa 2021⁠tti, obboloonnii fi obboleettonni umuriin isaanii 60 fi isaa ol taʼe 18 nagaadhaan waan waaqeffataniif qofa yakki itti murtaaʼee adabamaniiru. Yeroo ammaa obboloonni sadii mana hidhaa jiru. a Gabaasni Qaama Ol Aanaa 2021 Lakk. 4 halellaa obbolootaa fi obboleettota keenya maanguddoo irratti raawwatamu ibsee ture.

Maanguddoonni keenya jaallatamoon ariʼatama cimaa kana dadamachaa kan jiran akkamitti? Yaada nama jajjabeessuu fi obboloonni keenya amanamoon dubbatan tokko tokko yommuu isinitti himnu gammachuutu nutti dhagaʼama.

Fakkeenya gaarii maanguddoonni keenya Raashiyaa jiran nuu taʼaniif isaan galateeffanna. Ejjennoo cimaan isaan qajeelummaa cinaa dhaabbachuuf fudhatan fakkeenya hordofuu qabnu dha, hunda caalaa immoo Waaqayyo duratti iddoo guddaa qaba.—Fakkeenya 16:31.

a Obboleettii Valentina Baranovskaya ishiin umurii 70 waggaan lama itti murtaaʼee mana hidhaa jirti. Obboleessi Aleeksaandar Iivshin inni umurii waggaa 63 waggaa torbaa fi walakkaan itti murtaaʼee mana hidhaa jira. Akkasumas obboleessi Yuurii Saaveelyeevi inni umurii waggaa 68 waggaan jaʼa itti murtaaʼee mana hidhaa jira.