WAXABAJJII 8, 2022
RAASHIYAA
Manni Murtii Awurooppaa Raashiyaan Dhugaa Baatota Yihowaa Irra Ariʼatama Geessisaa Waan Jirtuuf Murtii Guddaa Ishiitti Murteeseera
Waxabajjii 7, 2022, Manni Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa Raashiyaan Dhugaa Baatota Yihowaa irra ariʼatama geessisaa waan jirtuuf murtii guddaa a ishiitti murteesseera. Manni Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa Raashiyaan bara 2017tti Dhugaa Baatota Yihowaa irra dhorkaa kaaʼuun ishii seeraan ala taʼuu isaa ibseera. Barreeffamoota maxxanfamanis taʼe jw.org irra jiran dhorkuunis seeraa ala akka taʼe ibseera. Raashiyaan himata yakkaa obbolootaa fi obboloota keenya irratti bante hunda akka addaan kutuu fi warra mana hidhaa jiran hunda akka hiiktu ajajamteetti. Kana malees, miʼoota humnaan fudhataman hunda akka deebistuu ykn miʼoota humnaan fudhtaman sanaaf yuuroo 59,617,458 (doolaara Ameerikaa 63,684,978) akka kaffaltu ajajamteetti. Akkasumas namoota miidhaan akka isaan irra gaʼe himata dhiheeffataniif dimshaadhumatti yuuroo 3,447,250 (doolaara Ameerikaa 3,682,445) akka kaffaltu ajajamteetti.
Murtiin isaa namoota himata dhiheeffatan 1,400 ol taʼan dabalatee, dhimmoota 20 bara 2010 hanga 2019 Dhugaa Baatotaa fi qaamota seeraa wajjin wal qabatuun dhihaate dha. Haa taʼu malee, murtiin Manni Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa kenne namoota kan biroo hedduus kan ilaallatu dha. Raashiyaa ilaalchisee akkana jedheera: “Himata Dhugaa Baatota Yihowaa irratti dhihaachaa jiru hunda dhaabsisuuf tarkaanfii barbaachisu hunda fudhachuu qabdi . . . akkasumas Dhugaa Baatota Yihowaa bilisummaan isaanii isaan irraa fudhatame hundaaf deebistee bilisummaa isaanii isaaniif kennuu qabdi.” (Ciibsee kan barreesse nuyi.) Murtiin kun obbolootaa fi obboleettota keenya Raashiyaa keessas taʼe Raashiyaatii ala jiraatan hundi, lammiilee seera biyya keessa jiraatanii sirriitti eeggan, akkasumas dogoggoraan ariʼatamaa fi hidhamaa kan jiran akka taʼan seeraan akka cimuu gochuudhaan maqaa isaanii kan qulqulleessu dha.
Murtii kenname sana hunda irratti, Manni Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa Raashinaan gochi, amantiin, barreeffamnii fi weebsaayiitiin keenya mankaraarsaa akka taʼe dubbatte buʼuura kan hin qabne akka taʼe akka gaariitti ibseera. Fakkeenyaaf, murtii kenname keessaa muraasni isaa armaan gaditti ibsameera:
Gocha: Manni Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa manneen murtii Raashiyaa, “jechaa fi gocha namoota himanni irratti dhhaate hammeenyaan, jibbaan ykn loogiidhaan kakaʼanii akka dubbatan ykn raawwatan mirkaneessu tokko illee adda baasanii akka hin caqasne” jabeessee ibseera. (§271)
Amantaa Dhugaa Baatonni Yihowaa dhugaa akka qabatan ibsu: “Karaa nagaa qabeessa taʼeen amantaan isaanii akka caaluu fi ‘amantaa sobaa’ dhiisanii ‘amantaa dhugaa’ cinaa akka hiriiran amansiisuuf carraaqqii gochuun, karaa itti mirga bilisummaa amantaa fi mirga bilisummaa dubbachuu seeraan isaaniif kenname dha.” (§156)
Dhiiga fudhachuu: “Dhiiga fudhachuu dhiisuun akka Walii Galtee fi Seera Raashiyaatti yaalii fayyaa ishiidhaaf godhamu ilaalchisee murtoo dhuunfaa gochuuf mirga akka qabdu kan argisiisu dha.” (§165)
Sababa qalbii isaatiin tajaajila loltummaa irratti hirmaachuu dhiisuu: “Sababii amntaa isaatiin tajaajila loltummaa kennuu dhiisuun seera Raashiyaa kam iyyuu kan cabsu miti.” (§169)
Barreeffamota keenya: “Sochiin amantaa himata dhiheffatanii fi qabiyyeen barreeffamoota isaanii barumsa amantaa isa hammeenya irraa walaba taʼee wajjin kan wal simu dha.” (§157)
JW.ORG: Manni murtii sun qabiyyeen jw.org mankaraarsaa akka hin taane murteesseera. Abbootiin taayitaa odeeffannoowwan weebsaayiticha irra jiran tokko tokko kan morman yoo taʼe, guutummaatti dhorkuu mannaa jaarmiyichi kutaawwan kan nama mufachiisan isaanitti fakkate qofa akka keessaa baasu gaafachuu dandaʼu. (§231 and §232)
Murtichi abbootii taayitaa Raashiyaa kan baayʼee ceephaʼe taʼuu isaa irra iyyuu, halaalatti kan nama jibban, kan looganii fi amanamummaadhaan tarkaanfii kan hin fudhanne taʼuu isaanii mirkaneesseera. (§187) Fakkeenyaaf, murtiin kenname wantoota manni murtichaa qorannoodhaan bira gaʼe armaan gadiitti ibsameera:
“Jaarmiyaawwan amantaa Dhugaa Baatota Yihowaa humnaan kan cufan sababii seera qabeessa waan qabaniif miti. Kanaa mannaa ragaan isaa akka argisiisutti abbootiin taayitaa Raashiyaa sochiiwwan amantaa Dhugaa Baatota Yihowaa halaalatti waan jibbaniif, akkasumas amantaa Dhugaa Baatota Yihowaa dhorkuu fi namoonni kaanis amantii isaanii akka hin hordofne dhoowuu waan barbaanifi dha.” (§254)
Abbootiin taayitaa Raashiyaa akkaataa murtiin itti kennamu wajjin haal walqabateen dogoggora guddaa raawwataniiru; fakkeenyaaf barreeffamoota keenya loogii malee qoruu mannaa, Manni Murtii Ol Aanaa Raashiyaa poolisootaa fi abbootii alangaa gabaasawwan hayyootaa gama tokko qofa deggeran filataniiru. (§203)
Seerri mankaraaressitummaa karaa balʼaa fi sirriitti ifa hin taaneen tooftaadhaan baʼuun isaa, abbootiin taayitaa taʼe jedhanii karaa ofii isaaniitii barbaadaniin Dhugaa Baatota Yihowaa irratti tarkaanfiin akka fudhatamuuf taasifame dha. (§272)
Murtiin Manni Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa kenne Raashiyaa keessatti buʼaa akkamii akka argamsiisu sirriitti hin beeknu. Kanas taʼe sana, murtii abbootiin taayitaa ilmaan namootaa kennanitti hin amanamnu. Kanaa mannaa, “Inni gargaaraa keenyaa fi gaachana keenya” waan taʼeef, “abdiidhaan Yihowaa eegganna.”—Faarfannaa 33:20.
a Ibsa gaazexaa Manni Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa Raashiyaan baasee fi fuula torba qabu garagalfadhu. Murtoo kenname fi fuula 196 qabu garagalfadhu.