Dhimma ijoo ta'etti seeni

Mana Murtii Mirga Namummaa Awurooppaa Istiraazburg, Faransaayitti argamu

WAXABAJJII 10, 2020
RAASHIYAA

Manni Murtii Mirga Namummaa Awurooppaa Murtii Cimaa Erga Dabarsee Waggaa Kudhan Boodas Raashiyaan Seera Addunyaatiif Ajajamuu Diduu Itti Fufteetti

Manni Murtii Mirga Namummaa Awurooppaa Murtii Cimaa Erga Dabarsee Waggaa Kudhan Boodas Raashiyaan Seera Addunyaatiif Ajajamuu Diduu Itti Fufteetti

Waxabajjii 10, 2010 waggaa kurnan harʼaa, Manni Murtii Mirga Namummaa Awurooppaa (ECHR) abbootiin taayitaa Raashiyaa bilisummaa waaqeffannaa obboloota keenyaa ukkaamsuuf duula waggaa dheeraaf godhaniin mirga namootaa cabsaa akka jiran murteessee ture. Murtiin ECHR dabarse, Raashiyaan adaba qarshii guddaa akka kaffaltuu fi Jaarmiyaa Amantii Dhugaa Baatota Yihowaa Naannichaa Mooskoo jiru, isa abbootiin taayitaa bara 2004⁠tti beekamtii dhowwataniif deebistee beekamtii akka kennitu kan ajaju ture.

Akkuma murtiin kun dabarfameen, Obboleessi Iivaan Chaaykooviskii inni yeroo sanatti dura taaʼaa Hawaasa Dhugaa Baatota Yihowaa Mooskoo taʼe akkas jedhee ture: “Murtiin kun sababa qabeessa taʼuun, jibba amantii akka injifatu argisiisa. Murtii kanaan kan kaʼe, abbootiin taayitaa hatattamaan mirga seeraan qabnu akka nuuf deebisanii fi mootummaan duula guutummaa biyyattiitti Dhugaa Baatota Yihowaa irratti geggeessu akka dhaabu nan abdadha.”

Taʼus, wanti inni abdate hin raawwatamne. Abbootiin taayitaa Raashiyaa murtii ECHR dabarse hojii irra hin oolchine. Kanaa mannaa, guutummaa biyyichaatti obboloota keenya ariʼachuu isaanii caalaatti itti fufan. Ariʼatamni kun bara 2017 yeroo Manni Murtii Ol Aanaa Raashiyaa waaqeffannaa keenya dhorketti caalaatti hammaateera. Jalʼina haqaa kana booda, obboloonni keenya hedduun toʼannaa jala galaniiru, mana murtiitti dhihaataniiru akkasumas hidhamaniiru.

Waggaa kudhan kan guute taʼus, murtiiwwan ciccimoon Manni Murtichaa dabarse amma iyyuu hojii irra ooluu kan qabani dha. Bara 2010⁠tti ECHR himatawwan buʼuura hin qabnee fi Raashiyaan obbolootaa fi obboleettota keenya irratti dhiheessitu hedduu isaanii fashaleessee ture.

Walumaa galatti, ECHR akka jedhetti, Dippaartimentiin Haqaa Mooskoo, manneen murtii Mooskoo waliin taʼuudhaan Dhugaa Baatonni Yihowaa deebiʼanii akka hin galmoofne gochuuf “sababa quubsaa tokko illee hin qaban.” Manni Murtichaa abbootiin taayitaa Mooskoo ‘haqaan akka hin hojjenne akkasumas itti gaafatamummaa gama tokko deggeruu dhiisuu fi loogii irraa bilisa taʼuuf qaban raawwachaa akka hin jirre cimsee ibseera.’ Kana malees, abbootiin taayitaa Mooskoo, Waltaʼiinsa Mirgoota Namummaa Awurooppaa Raashiyaan eeguuf irratti walii galte cabsuu isaaniin itti gaafatamu.

Akkuma bara 2010 bara 2020⁠ttis duulli Raashiyaan qindoominaan obboloota keenya irratti geggeessitu ifatti mulʼachaa jira. Hiyumaan Raayitsi Waachitti bakka buʼaa Awurooppaa fi daayireektara Giddu Gala Eeshiyaa kan taate, Raacheel Deenbeer, Dhugaa Baatota Yihowaa Raashiyaa jiraniif, wanta amantiin isaanii ajaju raawwachuu jechuun bilisummaa isaanii balaadhaaf saaxiluu dha jetteetti. Itti dabaluudhaanis ibsa, Amajjii 9, 2020 baʼe irratti, “wanti kun raawwatamuuf sababii quubsaa tokko illee hin qabu” jetteetti.

Obboloonnii fi obboleettonni keenya Raashiyaa jiran jalʼinaa haqaa akkasii keessatti, ‘obsaa fi gammachuudhaan guutummaatti jabaatanii akka dhaabatan’ Yihowaan isaan cimsuu isaa akka itti fufu amanuudhaan isaaniif ni kadhanna.—Qol. 1:11.