Dhimma ijoo ta'etti seeni

AMAJJII 25, 2021
RAASHIYAA

Manni Murtii Ol Iyyannoo Raashiyaa, Obboleessi Keenya Zaalipayeev Yakkamaa Akka hin Taane Murtii Dabarse

Manni Murtii Ol Iyyannoo Raashiyaa, Obboleessi Keenya Zaalipayeev Yakkamaa Akka hin Taane Murtii Dabarse

Amajjii 25, 2021⁠tti Manni murtii Riippabliika Kaabardinoo Balkariyaan himata abbootiin alangaa Onkoloolessa 7, 2020⁠tti dhiheessan fudhachuu diduudhaan obboleessi keenya Yuuriyaa Zaalipayeev yakkamaa akka hin taane mirkaneesseera. Abbootiin alangaa murtii dabarfame kana ilaalchisee ol iyyannoo dhiheeffachuu dandaʼu. Haa taʼu malee, obboleessi keenya yakkamaa akka hin taane mirkanaaʼeera. Yuuriyaan himata isa irratti dhihaate hunda irraa bilisa taʼeera. Sobaan himatamee waan tureef amma beenyaa gaafachuu dandaʼa.

Yuuriyaan haalli kun yakkamaa akka taʼetti isatti murteessisuu akka dandaʼu kan beeku taʼus, Yihowaatti amanamuudhaan ija jabinaan mana murtii dura dhaabachuu dandaʼeera. Murtiin sun darbuu isaa dura, Waaqayyo ariʼatama Raashiyaa keessatti obboloota keenya irra gaʼaa jiru dabalatee hammeenya hunda akka balleessu mana murtichaatti ija jabinaan dubbateera. Akkana jedheera: “Haleellaan kun hammam iyyuu yoo qindaaʼe wanti namoonni isaan ariʼataa jiran hubachuu qaban jira. Isaan amantiin ani waadaa Waaqayyo dhiheenyatti hammeenya lafa irraa akka balleessu gale irratti qabu balleessuu hin dandaʼan. Dhiheenyatti namoonni lammummaa garaa garaa qaban hundi obbolootaa fi obboleettota taʼuu isaanii akka hubatan nan amana. Wanti isaan qoqqoodu tokko illee hin jiraatu. Kitaabni Qulqulluun Waaqayyoon ilaalchisee akkana jedheera: ‘Inni saboota gidduutti murtii ni kenna, dhimmoota namoota hedduutiifis furmaata ni argamsiisa. Isaan goraadee isaanii tumanii gara maarashaatti, eeboo isaaniis tumanii gara haamtuutti ni jijjiiru. Sabni saba irratti goraadee hin kaasu, isaan kana booda waraana hin baratan.’—Isaayyaas 2:4.

“Abdiin kun dhiheenyatti akka raawwatamu nan amana!”