ONKOLOOLESSA 26, 2020
RAASHIYAA
Manni Murtii Raashiyaa Ammas Obboleessa Deenis Kiristeensan Dursee Gadhiisuu Dide
Onkoloolessa 26, 2020 Manni Murtii Koonyaa Liigoov Obboleessa Deenis Kiristeesan isa waggaa sadiif mana hidhaa ture dursee gadhiisuu dide. Ol iyyannoo dhiheessuuf guyyaa kudhan qaba. Obboleessi Kiristeensan mana hidhaatii gadhiifamuu kan qabu Caamsaa 2022 dha. Guyyaan inni itti gadhiifamu kun yeroo inni murtii argachuu isaa dura itti hidhame tilmaama keessa kan galchu dha. Haa taʼu malee, jiʼa darbe komishinarri mana hidhichaa ‘yakkamaa cimaa’ seera mana hidhaa hin eegne akka taʼe ibseera. Kanaafuu, murtii argachuu isaa dura yeroo inni itti hidhame tilmaama keessa galuu dhiisuu fi Caamsaa 2022tti gadhiifamuu dhiisuu dandaʼa.
Obboleessi Kiristeesanii fi haati manaa isaa Iriinaan Caamsaa 25, 2017tti erga inni hidhamee kaasee miidhaan qaamaa, sammuu fi miiraa hedduun isaan irra gaʼeera. Taʼus lamaanuu hamma tokko gammachuu qabu, akkasumas qorumsa amantii kana dandamachuuf murteessaniiru. Wantoota isaan gargaaran keessaa tokko kadhannaa obboloonni addunyaa maraa miliyoonaan lakkaaʼaman dhiheessani dha.