Ebla 2, 2021
RAASHIYAA
Manni Murtii Raashiyaa Appilikeeshinii JW Laayibirarii Dhorke
Bitootessa 31, 2021, Manni Murtii Koonyaa Okitiyaabirskii inni Peetirsbargitti argamu, appilikeeshiniin JW Laayibirarii finxaalessummaa akka babalʼisu ibsuudhaan, guutuu Federeeshinii Raashiyaa fi Kireemiyaatti akka itti hin hojjetamne dhorke. Dhorkaan kun hatattamaan hojii irra oola. Fayyadamtoonni amma iyyuu appilikeeshinii kana argachuuf rakkachaa jiru. Murtii kana ilaalchisee ol iyyannoon ni dhihaata.