Dhimma ijoo ta'etti seeni

SADAASA 30, 2020
RAASHIYAA

Manni Murtii Raashiyaa Dhugaa Baatota Afurtti Yakka Murteesse; Tokko Immoo ni Hidhe

Manni Murtii Raashiyaa Dhugaa Baatota Afurtti Yakka Murteesse; Tokko Immoo ni Hidhe

Sadaasa 30, 2020, Manni Murtii Koonyaa Peervoomaayiskii inni Magaalaa Oomsikii jiru, Obboleessa Sergee Poolyaakoovii fi haadha manaa isaa Aanaastaasiyaa akkasumas Obboleettii Guukhaar Beekteemiroovaa fi Diinaaraa Diyuuseekeeyeevaatti yakka murteesseera.

Obboleessi Poolyaakoov waggaa sadii kan itti murtaaʼe yoo taʼu, mana hidhaatti geeffameera. Obboleettonni sadan immoo waggaa lamaa hanga waggaa lamaa fi walakkaa dhorkaa tokko tokko jala akka turan itti murtaaʼee gara mana isaaniitti deebiʼaniiru. Obboleessi Poolyaakoov xumura irratti yaada itti aanu mana murtichaatti dubbateera: “Yesuus duuka buutonni isaa dhugaa akka baʼaniif, sababa isaatiin bulchitootaa fi mootota duratti akka dhihaatan raajii dubbateera. Akka Kitaabni Qulqulluun jedhutti, dhimmi mana murtii kun raajiin kun akka raawwatamu taasiseera, kunis warri waaʼee aangoo Waaqayyoo hin beekne waaʼee isaa dhagaʼanii fudhachuuf ykn dhiisuuf akka murteessaniifi dha.”—Maatewos 10:18