Dhimma ijoo ta'etti seeni

Toora gubbaa, bitaa gara mirgaatti: Obboloota keenya Aleeksii Boogotoov, Yeevgenii Faamooshiinii fi Vilaadimiir Moovriin

Toora gajjallaa, bitaa gara mirgaatti: Obboloota keenya Andiree Muurichii fi Sargee Tuuriin

SADAASA 29, 2023
RAASHIYAA

Manni Murtii Raashiyaa Naannoo Saaraatoov Obboloota Shan Irratti Yakkamtoota Akka Taʼan Murteesse

Manni Murtii Raashiyaa Naannoo Saaraatoov Obboloota Shan Irratti Yakkamtoota Akka Taʼan Murteesse

Sadaasa 23, 2023, Manni Murtii Godina Boolookoovskii Naannoo Saaraatoov dhimma obboloota keenya Aleeksii Boogotoov, Yeevgenii Faamooshiin, Vilaadimiir Moovriin, Andiree Muurichii fi Sargee Tuuriin irratti murtii kenneera. Obboloonni shananuu yakkamtoota akka taʼan isaanitti murteeffameera. Aleeksii fi Vilaadimiir tokkoon tokkoo isaanii hidhaan daangaa waggaa jaʼaa isaanitti murteeffameera. Andiree, Sargee fi Yeevgeniin immoo tokkoon tokkoo isaanii ruubilii 300,000 (doolaara Ameerikaa 3,362) adabamaniiru. Haa taʼu malee, yeroo kanatti tokkoon isaanii iyyuu mana hidhaa hin galan.

Ibsa Gabaabaa

Fakkeenyi obboloota shanan amanamoo taʼan kanaa, humna Waaqayyootti kan amanamnu yoo taʼe, rakkina misiraachichaan kan kaʼe nu irra gaʼu dandamachuu akka dandeenyu nu yaadachiisa.—2 Ximotewos 1:8.

Chaartii Yeroo

  1. Guraandhala 11, 2022

    Himanni yakkaa isaan irratti dhihaate

  2. Bitootessa 23, 2022

    Miseensonni Tajaajila Nageenya Federaalaa taʼan manneen obboloota shanan kanaa ni sakattaʼan. Tokkoon tokkoon isaanii irratti qorannaan erga geggeeffamee booda yeroodhaaf gara mana hidhaa hamma mana murtiitti dhihaatanitti keessa tursiifaman keessatti hidhaman

  3. Bitootessa 25, 2022

    Obboloonni mana hidhaa hamma mana murtiitti dhihaatanitti keessa tursiifaman keessatti hidhaman

  4. Amajjii 23, 2023

    Obboloonni mana hidhaa hamma mana murtiitti dhihaatanitti keessa tursiifaman keessaa gadhiifamanii akka hin imalle dhorkaman

  5. Adoolessa 21, 2023

    Himanni yakkaa isaan irratti dhihaate ilaalamuu jalqabe

  6. Sadaasa 23, 2023

    Yakkamtoota akka taʼan itti murtaaʼeera