ONKOLOOLESSA 28, 2020
RAASHIYAA
Manni Murtii Raashiyaa Obboleessa Baazheenoov Dursee Gadhiisuu Dide
Onkoloolessa 28, 2020, Manni Murtii Naannoo Ulyaanoovskii inni Magaalaa Diimiitroovgraaditti argamu Obboleessa Konstaantiin Baazheenoov dursee gadhiisuu kan dide siʼa taʼu, yeroo hidhaa isaa isa hafe qarshiidhaan akka adabamu ajaje. Ol iyyannoo dhiheessuuf guyyaa kudhan qaba.
Obboleessi Baazheenoov Waxabajjii 2018 yeroo jalqabaatiif mana hidhaa hanga murtiitti itti tursiisan yeroo galetti baayʼee akka sodaate beekamaadha. Taʼus, caqasoota Kitaaba Qulqulluu yaadannoo irratti barreeffachuu jalqabe. Wanta yaadatu irraa caqasoota gara 500 taʼan walitti qabachuu dandaʼeera. Boodas Kitaaba Qulqulluu argatee jiʼa afuritti dubbisee fixeera. Obboleessi Baazheenoov Kitaaba Qulqulluu irraa yaada nama jajjabeessu warra kaaniif hiruuf xalayaawwan barreesseera. Kana malees, faarfannaawwan Mootummichaa faarfata akkasumas gargaarsaaf dhaabbataadhaan Yihowaatti wawwaannaa dhiheessa ture.
Obboleessi Baazheenoov guyyoota 340 mana hidhaa hanga murtiitti itti tursiisan tureera. Fulbaana 2019 yakkamaa akka taʼetti ibsamuudhaan hidhaan waggaa sadii fi walakkaa erga itti murteeffamee boodas barsiifata hafuuraa isaa itti fufeera. Yihowaa galanni, haa gaʼuutii Obboleessi Baazheenoov mana hidhaatti Ayyaana Yaadannoo kabajuu dandaʼeera. Obboleessi Baazheenoov Yihowaatti dhihaachuu isaa itti fufuudhaan ariʼatama isa irra gaʼu gammachuudhaan dandamachaa jira. Kadhannaa keenyaan Obboleessa Baazheenoov yaadachuu keenya itti haa fufnu.