Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa keenya Aleeksaandar Sarbiinaa

EBLA 6, 2021
RAASHIYAA

Manni Murtii Raashiyaa Obboleessa Keenya Aleeksaandar Sarbiinaa Irratti Hidhaa Waggaa Sadii Murteesse

Manni Murtii Raashiyaa Obboleessa Keenya Aleeksaandar Sarbiinaa Irratti Hidhaa Waggaa Sadii Murteesse

ODEEFFANNOO HAARAA | Manni Murtii Ol Iyyannoo Raashiyaa Yeroo Hidhaa Obboleessa Keenya Aleeksaandar Sarbiinaatti Murtaa’ee Ture Hir’iseera

Waxabajjii 24, 2021 Manni Murtii Naannoo Kiraasnadaar murtii obboleessa keenya Aleeksaandar Sarbiinaa irratti darbee ture deeggareera; ta’us hidhaa waggaa sadii isatti murtaa’ee ture gara waggaa lamaatti isaaf hir’iseera.

Guyyaa Murtii

Ebla 6, 2021⁠tti Manni Murtii Aanaa Abiiniskii inni Naannoo Karaasnoodaar keessatti argamu obboleessa keenya Aleeksaandar Sarbiinaa irratti hidhaa waggaa sadii murteesse. Kutaa dhaddachi itti kennamu keessaa isa baasanii mana hidhaatti isa geessan. Aleeksaandar murtii isa irratti darbe kanaaf ol iyyannoo ni dhiheeffata.

Ibsa Gabaabaa

Aleeksaandar Sarbiinaa

  • Bara Dhalootaa: 1976 (Kolmaakayaa, Naannoo Karaasnoodaar)

  • Seenaa Jireenyaa: Abbaa fi haadha isaa duʼaan dhabeera. Konkolaataa feʼumsaa oofa, makaanikii konkolaataa dha, akkasumas hojii mukaa hojjeta

  • Ijoollummaa isaatti kubbaa kaachoo fi kubbaa miillaa taphachuu jaallata. Jalqaba umurii waggoota digdammanii keessatti Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabe. Raawwii raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu erga baratee booda Kitaabni Qulqulluu Dubbii Waaqayyoo taʼuu isaa amane. Achiis bara 1999⁠tti cuuphame

Himata

Bara 2020⁠tti qaamoleen mootummaa Naannoo Karaasnoodaar keessa jiran mana obboleessa keenya Aleeksaandar Sarbiinaa yeroo lama jechuunis jiʼa Eblaa fi Muddeetti sakattaʼan. Yeroo lamaan sanatti obboleessa keenya Aleeksaandar qorataniiru, akkasumas Kitaaba Qulqulluu fi meeshaa elektirooniksii isaa jalaa fudhataniiru.

Himanni yakkaa Aleeksaandar irratti kan baname Bitootessa 17, 2021⁠tti Mana Murtii Aanaa Abiiniskii keessatti ture. Akkuma obboloota Mana Murtii sana keessatti himataman kaanii murtiin Aleeksaandaris dafee kenname.

Aleeksaandaris dhaddacha duratti ija jabinaan akkana jedheera: “Mirga Heera Mootummaa Raashiyaa keeyyata 28 irratti ibsame irratti hundaaʼuudhaan Waaqayyotti waanan amanee fi Dhugaa Baatuu Yihowaa waanan taʼeef yakkamaa jedhameen himatame. Amantiin koo Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaaʼe waan taʼeef isa mankaraarsitummaa jedhamu irraa guutummaatti faallaa dha.”

Obbolootaa fi obboleettota Raashiyaa ija jabinaa fi amantii argisiisuudhaan fakkeenya gaarii taʼuu isaanii itti fufaniif Yihowaa ni galateeffanna. “Fedhii Waaqayyoo” raawwachuuf jabaatanii dhaabbachuun isaanii eebba Yihowaa akka isaaniif argamsiisu beekamaa dha.—Ibroota 10:36.