Dhimma ijoo ta'etti seeni

GURAANDHALA3, 2021
RAASHIYAA

Manni Murtii Raashiyaa Obboleessa Keenya Artar Lookiviskiyaan Dhorkaa Tokko Tokko Jala Akka Turu Murteesse

Manni Murtii Raashiyaa Obboleessa Keenya Artar Lookiviskiyaan Dhorkaa Tokko Tokko Jala Akka Turu Murteesse

Guraandhala 2, 2021, Manni Murtii Koonyaa Biraabiidizhaan inni Naannoo Jeewiish Awutoonoomoos jiru obboleessa Artar Lookiviskiyaan isa umuriin isaa waggaa 35 taʼetti murteesse. Manni murtichi waggaa lamaa fi jiʼa jaʼa dhorkaa tokko tokko jala akka turuu fi waggaa sadiif yakka kan biraa hojjechuuf dhiisuun isaa akka ilaalamu murteesse. Kanaafuu yeroo kanatti Artar hin hidhamuu.

Artar yaada xumuraa mana murtiitti dhiheesse irratti akkas jedheera: “Murtiin, manni murtii dabarsu maal iyyuu yoo taʼe mana murtii kanatti yaada koo dhiheessuun mirga guddaa dha. Jechoonni Yesuus Kiristoos dubbatee yommuu raawwii isaanii argatan argeera. Jechoonni kun Kitaaba Qulqulluu keessaa maarqos boqonnaa 13, lakkobsa 9 fi 10 irratti argama. Caqasichi akkas jedha: ‘Isin garuu of eeggadhaa. Namoonni mana murtiitti dabarsanii isin kennu. . . . kunis isaaniif dhugaa baʼuuf isin gargaara. Kana malees, jalqaba saba hundumaatiif misiraachoon lallabamuu qaba.’ . . . Misiraachichi lallabamuu akka qabu beekuun koo waaʼee kaayyoo Waaqayyoo warra kaanitti akkan dubbadhu na kakaasa. Yaa kabajamoo kaayyoo waaqayyoo isinitti himuun naaf mirga guddaa dha.”