Dhimma ijoo ta'etti seeni

GURAANDHALA 24, 2021
RAASHIYAA

Manni Murtii Raashiyaa Obboleessa Keenya Roomaanii Baranooskii fi Haadha Isaa Vaalentiinaa Baranooskaayaa Ishii Maanguddoo Taate Mana Hidhaa Galche

Manni Murtii Raashiyaa Obboleessa Keenya Roomaanii Baranooskii fi Haadha Isaa Vaalentiinaa Baranooskaayaa Ishii Maanguddoo Taate Mana Hidhaa Galche

Guraandhala 24, 2021⁠tti Manni Murtii Rippaabilika Hakasiyaa inni magaalaa Abakaan keessatti argamu obboleessa keenya Roomaanii Baranooskiitti hidhaa waggaa jaʼa murteesse. Manni murtii kun haadha Roomaanii kan taʼan obboleettii keenya Vaalentiinaa Baranooskaayaa irrattis hidhaa waggaa lamaa murteesseera. Obboleettiin keenya kun obboleettota Raashiyaa keessa jiranii fi sababa amantii isaaniitiin hidhaan itti murteeffame keessaa warra jalqabaa ti. Ebla 2021⁠tti umuriin obboleettii keenya Vaalentiinaa waggaa 70 taʼa, akkasumas Adoolessa 2020⁠tti dhiigni sammuu isaanii keessatti waan dhangalaʼeef dhukkubsachaa jiru.

Manni murtii erga murtii dabarsee booda lamaan isaanii iyyuu mana hidhaatti galfamaniiru. Murtii darbe kana ilaalchisee ol iyyannoon ni dhihaata.