CAAMSAA 20, 2021
RAASHIYAA
Manni Murtii Raashiyaa Obboleessa Keenya Ruustaam Siidkuuliiyevitti Hidhaa Waggaa Lamaa fi Walakkaa Murteesse
Sababa Amantii Isaatiin Al Sadaffaa Hidhame
ODEEFFANNOO HAARAA | Manni Murtii Raashiyaa Ol Iyyannoo Obboleessi Keenya Ruustaam Siidkuuliiyev Dhiheesse Utuu hin Fudhatin Hafeera
Hagayya 5, 2021, Manni Murtii Naannoo Saaraataavootti argamu ol iyyannoo obboleessi keenya Ruustaam Siidkuuliiyev dhiheesse utuu hin fudhatin hafeera; taʼus hidhaa jiʼa 30 isatti murteeffame gara hidhaa jiʼa 28 hirʼiseera. Dhiheenyatti bakka Caamsaa 20, 2021 gaafa qabamee keessee hamma mana murtii duratti dhihaatutti itti hidhamee ture irraa gara mana hidhaatti ni dabarfama.
Caamsaa 20, 2021, Manni Murtii Koonyaa Leeniinskii inni Saaraataavootti argamu Obboleessi Ruustaam Siidkuuliiyev yakkamaa akka taʼe ibsuudhaan hidhaa waggaa lamaa fi walakkaa itti murteesseera. Akkuma murtiin kun kennameen mana hidhaatti ergameera.
Ibsa Gabaabaa
Ruustaam Siidkuuliiyev
Bara Dhalootaa: 1977 (Aashgaabaat, Turkimenstaan)
Seenaa Jireenyaa: Haadha qofaan guddate. Bara 1993tti Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin qoʼachuu jalqabe. Haati isaa waggaa lama booda isa waliin qoʼachuu eegalte. Cuuphamuu isaa dura sababa qalbii isaa Kitaaba Qulqulluutiin leenjiʼeen tajaajila loltummaa kennuu waan dideef siʼa lama hidhameera
Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu raawwatamanii fi gorsi qabatamaan inni kennu bara 1998titti akka cuuphamu isa kakaaseera. Maatiin isaa Raashiyaa keessa jiraachuu kan eegalan bara 2000 yeroo abbaan buddeenaa isaa Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu isaatiin biyyaa baafametti ture
Bilbila suphuu fi hojii ijaarsaa irratti hojjeteera. Haadha manaa isaa Yuuliyaa wajjin bara 2001tti wal bare. Hiriyoonni gaaʼelaa kun tapha waan akka kubbaatiin waa jigsuu (bowling) taphachuu, uumama ilaaluudhaan bashannanuu fi teenisii taphachuu jaallatu. Fulbaana 2019 eegalee adda durummaadhaan haadhaa fi abbaa Ruustaam kunuunsaa jiru
Himata
Bitootessa 2019 Poolisoonni Tajaajila Nageenya Fedaraalaa (FSB) gara mana Obboleessa Ruustaam Siidkuuliiyevii fi haadha manaa isaa Yuuliyaa dhufan. Poolisiin tokko konkolaataa isaatiin konkolaataa isaaniitti daandii cufee kopha kophaatti isaan qore, achiis qorannaa dabalataatiif gara waajjira poolisiitti gabaasa akka godhan ajaja isaaniif barreesse.
Guraandhala 15, 2020 poolisoonni Ruustaamii fi Yuuliyaa giddu gala daldalaa tokko keessatti isaan qaban. Achiis Ruustaam ni hidhame. Sana booda manni murtii naannichaa manuma isaatti akka hidhamu murteesse. Jalqaba irratti jiʼa lamaaf dhaabbata tokkotti kan geeffame yoo taʼu, achitti haadha manaa isaa akka argu isaaf hin heyyamamu ture. Erga mana isaatti galfamee booda immoo, Intarneetii ykn wantoota mana isaatii alatti namoota ittiin qunnamu kan biroo akka hin fayyadamne dhorkame. Hidhaan isatti murtaaʼe al torba dheereffameera. Ruustaam walumaa galatti guyyoota 217 mana isaatti hidhameera.
Ruustaam yeroo mana isaatti hidhamee turetti rakkinni baayʼeen isa irra gaʼeera. Yeroo tokko tokko akka sochoʼu kan isaaf heyyamamu ganama saʼaatii 3 hanga saʼaatii 5 qofatti ture. Yeroo kan biraatti immoo manaa baʼee mooraa isaa kunuunsuu ykn baaxii mana isaa suphuu hin dandaʼu ture. Ilaalcha sirrii qabaachuu kan dandaʼe akkamitti akka taʼe yeroo ibsu akkana jedheera: “Manatti hidhamuun koo kadhachuu fi wantoota hafuuraa irratti xiinxaluuf carraa dabalataa naaf baneera. Hojiidhaan qabamuu fi wantan hojjedhu karoorfachuun koo akka hin dhiphanne ykn akkan hin aarre na gargaareera. Obboloonni koo mana hidhaa keessa jiran haala ani keessa jiru caalaa ulfaataa taʼe keessa akka jiran beeka.”
Ruustaam qorumsa sana dura isa mudate irraas jabina argateera. Wanta mana hidhaa Turkimenstaanitti dabarse yaadachuudhaan yaada akkas jedhu dubbateera: “Keessumaa dargaggummaa kootti yeroon mana hidhaa ture, Yihowaan yeroo baayʼee deggersa naa godheera. Muuxannoon kun guutummaatti akkan isatti amanamuu fi akkan tasgabbaaʼu na gargaareera.
Ruustaam Yihowaa tajaajiluuf wanta isaaf dandaʼame hunda gochuu isaa itti fufeera. Akkana jedheera: “Walgaʼii gumii irraa hafuu ykn waaqeffannaa Yihowaadhaaf dhiheessinu dagachuu hin qabnu. Wanti yaada keenya hihhiru kam iyyuu yeroo murtaaʼaa lallabuu fi obboloota keenya jajjabeessuuf qabnuu wajjin akka walitti nu jalaa buʼu heyyamuu hin qabnu. Bakka Yihowaan guutummaatti akkan isa tajaajilu barbaadu kamitti iyyuu isa tajaajiluuf wanta naaf dandaʼamu hunda gochuuf murteesseera, sababiin isaas yeroon hafe baayʼee muraasa.”
Yihowaan obbolootaa fi obboleettota keenya amanamoo Raashiyaa keessa jiraatan “fedhii isaa akka raawwattaniif wanta gaarii hundumaan” isaan hidhachiisuu isaa akka itti fufu ni amanna.—Ibroota 13:21.