SADAASA 24, 2020
RAASHIYAA
Manni Murtii Raashiyaa Obboleessa Keenya Sergee Leedeenyoov Irratti Murtii Hidhaa Waggaa Lamaa Yeroo Booda Hojii Irra Ooluu Dandaʼu Murteesse
Sadaasa 24, 2020tti, Manni Murtii Kaamchaatkaa inni Magaalaa Peetroopaavlooviskii-Kaamchaatsikiitti argamu Obboleessi Keenya Sergee Leedeenyoov yakkamaa akka taʼetti murteesse. Hidhaan waggaa lamaa yeroo booda hojii irra ooluu dandaʼu kan irratti murteeffame yeroo taʼu, waggaa sadiif immoo dhorkaa tokko tokko jala akka turu murteeffameera. Yeroo kanatti mana hidhaa akka galu irraa hin eegamu.
Sergeen guyyaa yeroo dhumaatiif murtii duratti dhihaatetti Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu jechuun maal jechuu akka taʼe ija jabinaan ibseera. Akkana jedheera: “Yihowaan maqaa namootaa, maqaa dhaabbataas taʼe maqaa amantii miti. Yihowaan maqaa Waaqayyoo ti. Kitaaba Isaayyaas raajichaa isa kutaa Kitaaba Qulqulluu taʼe irratti Yihowaan tajaajiltoota isaa warra amanamoo ‘dhugaa baatota koo’ jedhee waameera. Yaada kana irratti hundaaʼuudhaan walgaʼii guddaa bara 1931tti geggeeffame irratti maqaa ‘Dhugaa Baatota Yihowaa’ jedhamu akka qabaannu murteeffame. Dhugaa baatota Waaqayyoo taʼuun hojii gaafatu qaba; maqaan kun inni Uumaa, Fayyisaa fi uumama cufa irratti ol aantummaa kan qabu taʼuu isaa fi kaayyoo dinqisiisaa ilmaan namootaatiif qabu warra kaanitti himuun akka barbaachisu argisiisa. Mirga kana qabaachuun anaafis taʼe obboloota hidhata amantii koo taʼaniif ulfina guddaa dha.”—Isaayyaas 43:10.
Sergeen murtii duratti amanannaa guddaadhaan, “Yakka tokko illee waanan hin raawwanneef sababan itti qaanaʼu hin qabu. Qalbiin koo Waaqayyo durattis taʼe nama duratti qulqulluu dha” jedheera.