Dhimma ijoo ta'etti seeni

GURAANDHALA 4, 2020
RAASHIYAA

Manni Murtii Raashiyaa Obboleessa Kiimii fi Poleevoodoovitti Yakkamtoota Akka Taʼan Murteesse

Manni Murtii Raashiyaa Obboleessa Kiimii fi Poleevoodoovitti Yakkamtoota Akka Taʼan Murteesse

Guraandhala 4, 2020, Manni Murtii Zeeleeznoodoroozyinii inni Khaabaaroovskiitti argamu obboleessa Istaanislaav Kiimii fi Nikoolaay Poleevoodoovitti hidhaa waggaa lamaa murteesse. Isaan mana hidhaatti kan hin ergamne taʼanis, waggoota isaanitti murteeffame kanatti dhorkaa tokko tokko jala jiru. Murtii isaan irratti darbeef ol iyyannoo ni dhiheessu. Kana malees, obboloonni lamaanuu, Mana Murtii Indastriyaal Koorti jedhamuu fi magaalaa Khaabaaroovskii jirutti himanni yakkaa lammaffaan isaan irratti dhihaateera. Himata kana irratti hamma yoonaatti murtiin hin kennamne.